Articles in Asoosama
-10-
Ka jiruun itti tolte, ilmi Gabra Xaadiq, Lammaan akka barbaade dubbata. Nama wol gahii irrattis ta’ee bakka biraatti isa dura dhaabate “eennu akka taate wol beenna” jedhee sodaachisa. Namoota karaa isaatiin qabamanii …
-9-
Jireenna keessatti jaarsa yookiin jaartii qabaachuun waan diqqaa miti. Jaarsa yookiin jaartii wolii galteen jiraatan ta’uun ammoo waan guddaa dha. Worri wolii galteen jiraatu, yoo dirqamaan fooyamu ammoo nama marara. Lafti …
-8-
“Na hin darbinaa! Na hin darbinaa! Rabbi sodaadhaa! Hin du’aa! as irraa kufee hin hafuu! Hin hafuu…” jedhee uduma inni worwaatu gamoo dheeraa woyii irraa darbinaan ol utaalee “ufffff… yaa rabbi” jedhee …
-7-
Wonni keessa jiru boolla haata’uu mana, adda hin hubanne. Waan dubbataa dhiisii wonni shokossaallee hin dhagayamu. Kutaa san keessa malumaan yoo deemu dhiphaa dha. Tontoommatte dhadhayee laale. Siidaa rukkuttaa tomtoommuu isaa …
-6-
Bara tokko kophaa isaa jiraata ture; Damboobaan. Hennaa san hin fuune. Kolleejjii Barsiisotaa Hadaamaatii eebbifamee, mana barnoota jiddu galaa, ka magaalaa baadiyaa tokkotti ramadamee Afaan Oromoo kutaa torbaa fi saddeet barsiisa. Woggaa tokko booda gaaf …
-5-
Barattuu turte; Ruufo. Woggaa jaha dura, wonni isiin hin beenne woyii kutaa sagal keessaa qolee mana Damboobaa isii seensise. Mucaa baadhattee, woraqaa Damboobaan jedheen fuutee uduu gadiin bahaartu jiddumaan yoo laaltu, …
-4-
Guyyama san Shaashamannetti saa’aan saafaya gara kudhaniiti. “Heloo” jette Ruufo silkii iyyite kaaftee. “Galaa jira dammee tiyya! Akkam mee ati? Hayyuun hoo?” jedhe Damboobaan Hadaamaa irraa. “Mucaan nagayumaa… Yoo bilbilu …
-3-
Naannoon Wondo irraa haga Bulee Horaa, Kofale irraa haga Arsii Nageellee, Shaashamannee irraa haga Hajjee Awwaaraa fi Siraaroo jiru koofamaa buleera. Eda, halkan saa’aa saddeet irraa jalqabee. Jara kaleessa galgala, Ilma gabra xaadiq, Lammaa irraa …
-2-
Galgaluma san. Shaashamannee, Malkaa Odaatti saa’aan gara lamaati. Akka Abboostoo wony’i guddaa hin jiru. Caldheensa galgalaa san keessa taa’anii, woca simbiraa dhagahuun namatti tola. Samiin buleen duumessa haqatee gara gurraachaatti dabu, urjiilee laakkayanii hin dhaqqabnee …
SEENSA
…Amma Daakanii, amma Bukeessanii, ammuma tolchuun caariggi (benii) tolchuuf jedhama. Eeyyee dhugaadha caariggii (benii) tolchuufi caariggii (benii) sana namoota yeroo dheeraaf nyaataa wajjin wal dhabanii turan baay’eetu nyaatee beela ba’a. Egaa akkuma kana kitaabni “Nimoonaa!” …
Asoosamni hujii Og barruu kalaqa ilmaan namaati. Asoosama jechuun dhara yookiin kijiba yookiin sobaa miti. Balaqqeettii jiruu-jireenna ilmoo namaati. Waan bakka takka yookiin bakka biraatti ta’uu danda’u qofa uduu hin taane waan ta’e tokko bifa …
Asoosama kana Amaan Hedatoo-ttu barreesse. Amaan Hedatoo amma biyya Ameerikaa, isteeta (kutaa) Koloraadoo, magaalaa Denver keessa jiraata. Amaan waayee adda addaa irratti nama asoosamoota gaggabaaboo heddu barreesse. Kitaaba xumuree harkaa qabu maxxansee ummataa dhiheessuuf hiree …
