OPride.com|Hambaa Habalee Cittee

QABSOO-DHA MAQAAN ISAA
Taammanaa Bitimaa*

Isa kuffifamee lafarra ciisu

Silaa tolaan jarri isan-dhiisuu

Bakka itti-kufee olkaasee

Sansalata irraa babbaasee

Kan akka ejersaa isa dhaabu

Seerri-saanii-woo isan dhaabuu

Qabsoo-dha maqaan isaa

Gonfachiisaa bilisaa!

Qabsoo-dha maqaan kansaa

Dachee hunda biyyisaa

Keessumaa qabsoo bilisummaa

Kan caccabsee darbatu

Harqoota kan gabrummaa

Isa guutuu taasisu

Nameenya kan namummaa!

Iddootti kufee olkaasee

Kiyyoo mormarraa baasee

Madaasaa irraa haqee

Raammoo isa madaa keessaa

Nyanyaata akka bineensaa

Irraa mimmicirqisee

Nama nama taasisa

Bineensarra olcaalchisa!

Inni nama sanyiin hin qoqqobu

Dabalees amantiin hin qoqqoodu

Aadaan addaan hin baasu

Bifaan gargar hin yaasu

Hunda ija takkaan laala

Cufaaf mirgasaa abbala

Isa abbaan walqixxeessaa

Saboota addunyaa keessaa!

Injiree nurraa micirqisee

Hinjirree nurraa dhidhimsee

Yeeyyilee nurraa bittimsee

Shilmiis saawwanirraa harcaasa

Daanawoos gumbii keessaa baasa

Gabrummaa qabeetoo rarraasa!

Kan Oromoos qabsoo

Kan Kuush kaanis qabsoo

Keessumaa qabsoo sabaa

Kuffifamaa-dha ol-qabaa!

Oromoo, yaa abbilee

Oromiyaa, yaa harmilee

Erga qorichi qabsoo ta’ee

Erga malli tokkummaa ta’ee

Haa qabsoofnu tokko taanee

Hidhannee manaa baanee!

Obbolummaan waltaanee

Hidhannee manaa baanee

Warra Kuushiin waltaanee

Bakka kufnee olkaanee

Imimmaan walirraa haquun

Obbolummaan walolqabuun

Karchallee wajjin diignee

Roorroo walirraa dhiibnee

Hayyee, qabsoo-dhaan galma keenya geenya

Sansalata malee, guyyum tokkollee teenya!

Yaa Oromoo, aadaan-kee bubburree

Ilaa, biyyi-kees sonaan cocorree

Akka nafxanyoota asittis “iskistaa”

Achittis “iskistaa”, mitii sirboonni-kee

Biddeenuma callaasoo, miti nyaanni-kee

Of-tuullummaa fi sanyummaa miti yaanni-kee!

Atoo qaccee Leenjisaa Diigaa-tii

Atoo diroo Elemoo Qilxuu-tii

Eekaa sanyii Taaddoo Birruu-tii

Maarree lammii Abbishee Garbaa-tii

Mataa gadqabachuu

Eessaayyi barattee

Oromo-sodaan beekuu

Kan eessaayyi argattee?

Oromoo uummata kiyya

Uummata-koo uumee tiyya

Yaa safuun guddisa-koo

Abbaa dhugaa lubbuu-too

Atiwoo galaanaa

Jarri maa si dhaana?

Maaf dhaana dirra-kee

Maaf waxala miila-kee?

Ol-ka’i uummata kiyya

Walta’i yaa saba kiyya

Xiqqaa-guddaan waltayii

Alaa-manaa walgayii

Harqoota gabrummaa caccabsi

Sansalata ciccirii darbaddhu

Galma-kee ni geessa abdaddhu!

Ni mootaa, ni mootaa daran abdaddhu

Dhalawwan-kee mara walitti qabaddhu

Sabbata-kee jabeessitii hidhaddhu

Aayyoo ka’ii, siiqqeen joollee-tee labsaddhu

Oromiyaa iyyii, ilmaan Kuush waammaddhu

Mirgaan mancaa qabaddhu

Bitaan wantaa qabaddhu

Oljedhi-kaa waanjoo ofirraa darbaddhu

Biyya biraan qabduu Oromiyaa jaarraddhu!

Barliin, 16. 06. 09

*************   Hubachiisa    **************

* Walaloon kun gaafa 02. 08. 09 Kora Waldaa Qorannoo Oromoo, jechuun kan OSA isa dira Atlaantaa, Biyya Ameerikaa keessatti adeemsifame irratti kan uummataaf dubbifame ture. Silaa barri kun bara qabsoo uummatoota Afrikaa Kaabaa fi Jiddugaleessa Bahaa-tii, kunoo ijoolleen Oromoos, dhaloonni qubee gabroomfattoota Habashaa irratti fincilaa jirtii, mee walaloo kun isaaniif: mararfannoo, rajeeffannoo, jajjabeessii fi bira-dhaabbannoo haa tahu!

Mammaaksa
1. Bishaan yoo nama nyaatu nama kofalchiisatiini.

2. Bishaan lagaa wal hin eegu

3. Bitaan korii mirgaan korii walgeettiin koora dha

4.Wama qalte qalii tirumaan naaf gali jette jaartiin

5. Biyya FARDI hin jirre HARREEN garmaamti/saggaarti

6. Biyya ofiitti Lukkuun korma

7. Sangaan biyya ofiitti  baroodu biyya ambaatti ni mar’ata

8. Biyya abbaa kootiiiti  jedhee injiraan moluu irratti hafe

9. Boruufuu si’abdadhe bada moluu tiyya jedhee namichi

10. Daa’imaa taphaa sinbiraa lubbu

11. Dallaan abbaa kudhanii yeroon hincufamu( wan wolitti heteffataniif).

12. Dubbiin bay’atteef fardatti hin fe’an

13. Du’a abbaatifi du’a Sangaa ilmi hin jibbu

14. Dhakaan ciisanii darbatan deebi’ee mataa nama dhaha

15. Baredde jedhanii hintala obboleetti hin fuudhan

Akkoo Manooyyee Beektuu???
Bara durii keessa jaartiin Akkoo Manooyyee jedhamtu takka angoo/taayitaa /aargattee turte. Angoo isii kanaan wonta ajaa’ibaa raawwataa/hojjataa turte. Yeroo  angoo irra jirtutti akkoon mannoyyee turte tarkaanfii asii gaditti ibsamaan tartiibaan ummata ishee irratti fudhatte:

Jalqaba namoota gabaabaa lafarraa fixaa jettee murtii labsite. Akka yaada akkoo mannoyyeetti namoonni gabaaboon qaroodha.  Yeroo adda addaatti yeroo isiin ajaja adda adaa ummatni akka raawwatan barbaaddu, namoonni gaggabaaboon ni mormuun. Dubbiin isaan injifachu hin dandeenne. Kanaaf dubbiin isii akka nammoota qaroo kanaan akka jalaa hin fashaleefi. Walumaagalatti nama isii mormu waan hinbarbaanneef murtii kana fudhattee. Battaluma sanatti jaarsi gabaabaan tokko , “ mee waan isinii toluuf qabaa boolla keessatti nadhoysaa nahanbisaa jedhee.”  namootta ajaja akkoo mannooyyee hojii irra oolchuutti jiran gaafatte. Isaanis tolee jedhanii jaarsa kana osoo hin ajjeesin hambisan.

Erga namoota na morman ykn yaada kiyya afoo dhabbachuu dandan’an (namoota gaggabaaboo) jettee amantu erga ajjesisiiftee raawwattee booda , ajaja jajjaboo enyuuyeroo sanatti  fala itti argachuu hin dandeenne dabarsuu eegalte.

Ajajinni isa duraa:  lafaa fi samii jiddutti mana naaf ijaaraa jettee ajajje. Namoonnis dubbin kun waan isaan rakkiseef fala dhabanii jennaan jarsa gabaabaa na’awwaalaa jedhe san bira dhaqanii furmaata gaafatan. Jaarsichi dubbiin geette itti yaadde fala gabaabaa namoota isa gaafataniitti hime. “Akka jettaniin, nuti mana siif ijaarraa garuu dhoqqee abbatu buufataa ati buufadhu”  jedhaanii jedhe. Namootni akkoo mannooyyeetti deebi’anii deebi’anii  akkumma jaarsi gabaabaan jedhe jedhanii itti himanii jennaan namni gabaabaan hafee jira jette.

Ajajinni isa lammaffaa: mana ani keessa galu kana usoo asii hin sochoosin balbala isaa kana gara gaaraatti laalchisaa naa baasaa jette, isaanis akkuma duraa san jaarsa gabaabaa  bira deemanii furmaata gaafatan.  Jaarsi akkana jedheen  deebiseef  “yoo isiin rafte balbala mana isii kan duraa cufaattii kan biraa gara gaaraa laalchisaa banaafii jedhe.

Kana booda hifattee jennaan akkana jette “wonta fardaa gadii kan harree olii naa fidaa nayaabbisaa” jette ajaja dabarsite. Toleekaa jedhanii harree-diidoo fidaniifii yaabisanii irraatti hidhanii gad dhiisan,kana booda harreen fuutee halayyaa irraa gattee akkoo mannooyyee achitti hambifte jedhama.

- Abdii Borii Irraa

Imagining the Reign of Akkoo Manooyee

Once upon a time said a pro-feminine story teller,  women were the rulers of Kuusaa (Kush) land. A dynasty of women known as  Candace with its capital at Merowe was well known throughout Africa and  the world of that period. War, famine and internal strife forced a  segment of the people of Kuusaa to migrate southward. The people of  Ilmoo Ormaa (Oromoo) were the largest group of that segment. It was this  group that transformed itself from centralized monarchical system to  democratic Gadaa one.

All political offices continued to be led by woman as  in Merowe tradition. Other jobs were occupied by competition of citizens  irrespective of gender. Then every thing was in abundance. Draught  never threatened them for they had kept reserves of grain enough for  years and had also dug several tulaa (water wells).

Women led every unit from family to nation. At all  levels they imposed strict discipline of work. Laziness was not  tolerated. Their aim was to create a passionate and hard working society  in the image of women. Training of children started from babyhood.  Every eight years there were initiation to higher levels. Every thing  was set for eight years. Training included cattle herding, history,  horse riding, military science, public administration etc. A Gadaa stays  in power only for eight years.

Read the Full Story (Imagining the Reign of Akkoo Manooyee)

Asoosama Xalayaa Hayyuu Kutaa 10ffaa
-10-

Ka jiruun itti tolte, ilmi Gabra Xaadiq, Lammaan akka barbaade dubbata.  Nama  wol gahii irrattis ta’ee bakka biraatti isa dura dhaabate “eennu akka  taate wol beenna” jedhee sodaachisa. Namoota karaa isaatiin qabamanii  dhabaman “anatu qabsiise” jedhe dubbachuu irraa waan hafe waan dhoffatu  hin qabu. Deeggartoota ABO arrabsuu yoo barbaade jecha dur irraa itti  fayyadamu qaba. “ABOn eegee lootuuti! Qaama dabaree, ka gatii hin  qabne!” jedha. Bakka tana dura ture, woltajjii bartoota wolitti qaban  tokko irratti, inni jecha kana dubbannaan barataan tokko ol ka’ee,  “eegeen lootuu akkuma jettan qaama dabaree ka gatii hin qabne ta’uu  dandeetti. Garuu yoo muramte deebitee bahuun isii waan hin hafne ta’uun  akkuma jirutti ta’ee, isin qaama dabaree ka gatii hin qabne kana sodaattanii waanuma  isaa qaaquun maaliif? Ammallee lootuun duutu malee eegeen sun biqiluun  waan hafu isinitti fakkaataa?” jedhee waan jedhu wollaalchise. Barataa  bara san kana isaan jedhe dabalatee, qurxummiileen tana dura bishaan  keessaa guursisaa ture heddu, lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu hin  beeku. Jiraatanii baatanii ammoo dhimma isaatii miti. Waan sodaatu hin  qabu. “Eegee lootuu” jedhee Oromoo arrabsee sodaachisaa, farsoo  hambuuqee qasha’aa,  Shaashamannee keessa biqiqa. Baldee taphata. Kolfee fandalali’a.

Jireenni  qilleensaa tun ammoo tokko kolfisiiftee yookiin gammachiiftee kaan  boochisuu bira tartee kolfa yookiin gammachuu tokkoo booyicha kaanii  godhuun qooda isiiti.

Ijoolleen sadiin didiqqoon woyii balbala mana Damboobaatti waan gara garaa wolitti guuranii taphataa woliin qaaqan.

“Hin du’e!” jedhe tokko.

“Hin duunee!” jedhe ka biraa.

“Hin du’e” jedhe kuun ammallee deebi’ee.

“Hin duune”jedhe kuunillee.

“Eeessatti beetta?! Hin du’ee”

“Yoom du’e hin ajjeesan malee”

“Hin du’ee cadhisi!”

“Hin ajjeesanii atuu caldhisi!” jechuudhaan wol morman.

“Atuu cadhisi! Abbaan kiyyaa hin ajjeesan jedheera”

“Cadhisi atuu! Haati tiyya hin du’e hin jennee?” Wol arrabatti taran.

“Cadhisi! Kijibaa!” jedhe ka irra jira fakkaatu.

“Atuu kijibaa!” jedhe kuunillee deebisee.

“Dabeessa mataa kosii!”

“Atuu dabeessa mataa kosii” jedhe kuunille. Wol lolatti taran.

“Anaa dabeessi mataa kosii!? Anaa!?” jedhee itti qajeele ka irra jiru.

“Ee  si’i” jedhee ija babaase kuunillee. Namoota lamaan booyaa dhufan  woyiittu wol lola ijoollee sanii jidduu baye. Wol lola, dhiisanii  namoota booyaa moonaa seenan faana fifiigan. Haga isaan wol mormii irraa  wol lolatti taran dhaabatee laalaa ka ture Hayyuunillee, isaan faana  fiige. Moonaan mana booyaa booyichaan wolitti bu’e. Maayii irra namni  wol obsisiisee dacha’ee taa’eera.

“Mee reeffa akkamitti argitan!”jedhe namoota haarawa dhufan keessaa tokko. Jaarsa woyiiti.

“Worruma waajjira poolisaattu fe’ee fide” jedhe namni ka’imoomatu, ka gaabii uffatee battala taa’u.

“Tolee!” jedhan jaarsi gaafatan afaan qabatanii.

“Manuma nuu fidan!?” jedhe ka odeeffatan.

“Namni waa gaafate jiraa?” jedhan jaarsi waanuma jedhan wollaalanii.

“Maaliif ajjeeftan jedhee woyii moo?” jedhe namni jalaa qabe.

“Bada gurbaa! barri afaan hin beenne afaan nama wollaalchisa. Afaan hin qabuu… afaan nama qabaa caldhisi” jedhan.

Gurbaan  sun qoonqa gaddaatiin “ajjeefnee maal taatan! Wonni gootan hin jiru.  Yoo dubbattan akkana isin goonaa jechuufii miti ka kana godhan. Kaan  afaan qabachiisuuf. Akka sodaatee hin dubbanne godhuuf… ” jennaan namni  firaashii afameeru marsee taa’u ija gaddaatiin isa laale. Itti fufe  gurbaan sun.

“Akka  namoota heddu du’aa jiruu isaanii wollaalchisanii hambisan godhuu hin  wollaalle. Sodaa nu keessatti uumanii wolii rifachuu nu dhoogguuf. Namni  sodaan keessatti jabaatte onnee jabduu hin qabu. Namni onnee jabduu hin  qabne hin aaru. Aarullee uguruu hin gahu. Jarri ammoo karaa kanaan  milkaayaniiran. Sodaa nu keessatti uumachuu bira taranii  jabeefataniiran. Nu ammoo sodaa nu keessatti uumatan kana uf keessaa  baasuun haa hafuu, akkuma sodaaneyyuu ufiif amanuu hin dandeenne. Mee an  Waarituun garaa kiyya woliin dhaladhe ‘sii ajjeefnee awwaaladhu yoo  naan jedhan maal godhe? Maal ta’e? Waan takkallee! Kana maaltu na godhe?  Sodaa na keessatti uuman” jedhee uduu gurbaan aarii gadda makateen itti  fufaaru keessummaan dhufte.

Eega du’a Damboobaa dhageettee torbaan gahaniiran. Keessummaan irraa hin qoorre.

“Xalayaa  an barreesse agartee aayyitee?” jedhe mucaan haadha teettee yaadduun.  Mucaan kana jennaan bootte Ruufo. Namni mana guutu. Gariin isii woliin  booya. Gariin ammoo akka obsitu gorsa. Akkaataa xalayaa itti barreessan  qofa uduu hin taane, waan heddu ka abbaan mucaa barsiisaa ture yaadattee  cadhisuu dadhabde.

“Kunoo laali” jedhe mucaan, woraqaa woyii qabatee isii boottu bira dhaabatee.

“Hayyee  hin laalaa” jettee irraa fuutee akkuma woraqaa san harkatti qabattetti  ammallee isa ufitti qabdee bootte. Hennaa san abbaan waan inni barreesse  dubbisee “akkas leenca kiyya! Waan an ardha siif ta’u hin agarta!…”  jedhee jajee harka dhayaaf ture. Ka ardha haadha irraa eegellee kanuma.  Akka xalayaa san dubbiftee ufitti qabdee dhungattee, harka dhoofteefii  waan isaaf gootu itti himtu barbaada. Ruufo mucaan dhiisuu dinnaan  xalayaa mucaan itti kenne san dubbiftee uduu hin fixin booyichaan manni  sun wolitti bu’e.

“Abbaa  kiyya akkam jirta? Nagaa jirtaa? An nagaa jira. Aayyoon hin bootti.  Yeroo maraa hin bootti. Anillee isii laalee booye. Namnillee hin booya.  Namni martinuu hin booya. Birraan yoo woliin taphannu, ‘abbaa kee hin  ajjeesan’ naan jedhe. Boonaan ammoo ‘hin du’e malee yoom ajjeesan?’  jedhee Birraan wol lolan. Ati maaliif nama si ajjeese san ufirraa hin  dhayin. An si hin jaaladhu. Ati qara maaliif hin gala jettee galuu  didde.  Ati qara maaliif na jalaa duute? Haga fuula nagayaatiin wol agarrutti nagayatti.

Ilma kee Hayyuu irraa” jedha xalayaan Hayyuun abbaa isaatiif barreesse.

—–Xumurame—-

Asoosama Xalayaa Hayyuu Kutaa 9ffaa
-9-

Jireenna  keessatti jaarsa yookiin jaartii qabaachuun waan diqqaa miti. Jaarsa  yookiin jaartii wolii galteen jiraatan ta’uun ammoo waan guddaa dha.  Worri wolii galteen jiraatu, yoo dirqamaan fooyamu ammoo nama marara.  Lafti ganama. Ruufo balbala irra caamtuu ganamaa keessa teettee boqoo  qabattee yaaddi. Hagam ture jaarsi isii ka bahee dhabame? Sambanni ardha  baatii lama. Jireenni isaanii baldhoo bira tarte ta’uu baattus ballaa  akka ardhaa hin turre. Jireenni ballaan hin hokkolti. Ta Ruufo keessa  jirtu ammoo, ballattee hin hokkolle. Harkaa jaamte.

“Rabbiin  kun ilmoo namaa tana maalumaaf bineensa wolitti godhe?… Badii wolii  keessa gammachuu barbaaddii?… Haga wol miitutti jiraachuu hin  dandeettuu?… Haga mana wolii diiddutti ka ufii ijaarachuu hin  dandeettuu? Worri isa qabee dhabamsiise hagam gammadeera laata?… Waan  deebii hin qabne heddu uf gaafatee booyaa turtee, bakkuma teette sanitti mogolee isii ta shookalliteertu gan’aan gad haxoofnaan taan caalaa daarofte.

“Nama  jaalataniin adda bahuu caalaa wonni nama miidhu maaluma?” jette  ammallee, eega gan’atti tuttufattee mogolee daarofte haxaayatteen  maayii. Nama karra moonaa dhadhayetu yaada keessa jirtu jidduu bahe.

“Anaa  dhufu adaado!” jettee nama seene reebbattee, dhungatte. “An haa badu!  Karaa haa taru an! Bahee haa dhabamu an Damboobaa kiyya!” jedhan  jaartiin, moonaa seenan eega irra deebi’anii dhungatanii ka’anii booyaa.  Ruufollee imimmaan jissite. Wolumatti booyaa, “koottu adaadoo tiyya”  jettee, gara manaa jalaa qajeelte Ruufo. Waan feestaaliin harkaa qaban  woyii lafa kaayatanii, “mee alanuma teennaa?” jedhanii, bakkuma isiin  taa’aa turte jaartiin gaf jennaan “mana seeni adaadoo tiyya!” jetteen  imimmaan haqataa. Jaartiin hin seenne.

“Yoom dhufte adaadoo tiyya?” jette isiinillee dhuftee isii bira gaf jettee.

“Kaleessuma galgala” jedhan jaartiinillee, imimmaan haqataa.

“Maaliif na bira hin bulin ree?”

“Ruufa tiyya kutubii dhufne. Nama na fidullee hin argine… Ati ufii nagayumaa? Coraan si fayyaa?”

“Nagawuma…? teessan nagayaa?” jette Ruufollee deebiftee.

“Guutuu afina! Galanni isa haa gayuu”

“Qe’ee teenna quba qabdanii?” jette eega nagaya wol gafatanii ka’anii.

“Miila kana quba hin qabnu. Ammoo gurroon nagayumaa… daa’imni kee hoo?”

“Hin rafaara”

“Atta  jira bada mucattii?” jedhan guftaa jalaa furate, shaashiin duubatti  hidhataa. Rifeensi mataa bule; wol makaa adii fi gurraachaa.

“Mee  bada mucattii hafuuruma Damboobaa?” jedhan, jaartiin qoonqa  gaqqabatanii. Siyaasa biraa beekuu baatanillee, barri bara sodaataa  dubbatan ta’uu sirritti beekan fakkaata. Kana ka godhu ammoo jaartii san  qofaa miti. Ka siyaasa beekullee kanuma. Namni Ruufoon dubbisu martuu,  eega Damboobaan dhabamee akkanumatti kanuma jedhaan. Gara jirutu  wollaalame malee, manaa bahee karaa manatti deebi’uun wollaalee akka hin  badin ammoo maraa garaan hin beeka. Wonni jechuu danda’u sanuma qofa  waan ta’eef martuu kana isiin jedha.

“Homaa hin jiran adaadoo tiyya. Anillee isinuma!” jette.

“Waarituun eessa jira?”  “Shaggar jira?” “Maal achii godha?”

“Hin barata”   “Dhagayee inni?”

“Dhagayee maal godha adaadoo tiyya? Kun waan dhagayanii waa godhanii miti” jette Ruufo.

San  dabarsanii waan gaafatan wollaalanii, shaarbii uffataniin afaan  qabatanii, “ee dhabami falfala! Ee karaa tari falfala! Aanne’e! An haa  badu! Aann’e! aann’e!…” jedhanii ammallee mararfatan. Bakkuma san  taa’anii, uduu waan gara garaa qaaqan, Ruufo qoonqa woyii dhageettee  lafaa utaalte. Yoo gara manaa ol seentu Hayyutu banee, raadiyoo afaan  Amaaraa qaaqu bira dhaabata. Shamizii malee kofoo ufirraa hin qabu.

“Maal godhaarta mucaa?” jetteen.

“Reediyoo caqasaara”jedheen.

“Deem asii! maal ambaa beettaa caqafta!” jette kolfaa dhaxxee reediyoo cufte.

“Caqasu malee” jedhee uduu inni booyu, “beena surree sii godhaa” jettee harkifte.

“An haa badu kurfaa kiyya! mee natti koottu!” jedhaa ufitti waaman jaartiin isii faana ol seenan.

“Kuunno  akkotti dhaqi!” jettee gara jaartii akeette Ruufo. Mucaan tole hin  jenne. Jaartiin bira dhaqanii, haadhuma jalatti, uduma inni didu, ufitti  qabanii booyaa dhungatan. Tana dura akkanatti laalanii hin beekan. Eega  dhungatanii ufirraa achi qabanii laalan. Waan tana duraa caalaa  obboleessa isaanii maan’aa, ka woliin guddatan, ka jaalatan, ka  ardhallee yoo yaadatan booyan abbaa Damboobaa fakkaata.

“An haa badu! laalaa mee Kinniisoo! Muraa albuu isuma!” jedhan.

Ruufo  mucaa uffata itti uffiftee, fuula dhixxee daabboo woyii aananiin eega  nyaachifteen booda “taphadhu” jettee, gara mana aaraa gabbaate.  Mucaanillee bahee gara mana oollaa lixe. Yoo haga ture turee mucaan  deebi’u isaan buna dhugan. Mucaan mana keessa eega takkaa fiffiigee  ammallee gara raadiyoo qajeele. “Dhiisi!” jetteen haati. Dhiisuu dide.  Hin kadhatte. Hin dide. “Lakkii dhiisi Hayyuu!” jettee quba itti  mirmirsite. Ammallee hin dhiifne. Fuula itti baddee “lakki ardha  gurbaannana” isiin jennaan “yoo akkasitti nama laaltu, ila akka ati  jirtu” jedhee, uduu  jarri lachuu kolfan gara alaa gabbahe.  Ammallee hin turre. Haati gara mana aaraa gabbaanaan yoosuu deebi’ee  raadiyoo san uduma tuttuqu, komadiinoo gubbaa lafaa dhaye. Yoona haati  aartee harka isaa  keessa dhoofnaan booye. Jaartiin ufitti waamanii sossobuu yaalan.  Caldhisuu dide. Amma haati itti tartee sossobuuf ufitti harkifnaan “sin  fedhu! sin jaaladhu! Sin jaaladhu! Abbaa kiyya jaaladha!” jedheen  booyaa. Ufitti qabdee sossobdullee cadhisuu dide.

“Ana haa dhayu! Lammata si hin dhayu gooftaa kiyya!” jettee shelatte.

“Ee!  gaaf tokkollee na dhooftee… sin dhayu naan jette! Ati anuma sobda! Haa  galuu abbaan kiyya! Haa galuu itti himadha!” inni jennaan, worri isa  sossobaa ture, Ruufoo fi jaartiinillee faana booyan.

Asoosama Xalayaa Hayyuu Kutaa 8ffaa
-8-

“Na  hin darbinaa! Na hin darbinaa! Rabbi sodaadhaa! Hin du’aa! as irraa  kufee hin hafuu! Hin hafuu…” jedhee uduma inni worwaatu gamoo dheeraa  woyii irraa darbinaan ol utaalee “ufffff… yaa rabbi” jedhee bitaa  mirga midhate. Dukkanuma keessa ture, ka homaa itti hin mudhanne san  keessa jira. Amma harka mirgaa ka miidhame, ceekuu bitaa irra kaayatee,  ganaa harka bitaatiin ciqilee qabatee akkuma rafaa turetti ol jedhee  taa’e. Torban dura gaafa “an afaan Oromoo barsiisuu malee waan hojjadhe  hin qabu” jedhee, qabanii bahaniin san, namoota uffata poolisaatiin  jiran sanniin keessaa tokkoo fi ka gaafii isa gaafataa ture, kutaa  meeshaleen toorchii gara garaa jiru woyii seensisanii, shabbeenaa  goommaa qabatanii qorqalbii sodaachisuu jalqaban.

“Uduu  agartu gamoo irraa si darbina! Yoo barbaachisaa ta’e ammoo lubbuu  teetitti taphanna! uduu lubbuun jirtu, qonnee boolla si keenna!  Yookiinis tumnee si hin ajjeefnu! Akka hin duune, akka hin jiraanne si  goona. HIV hin beettaamii? Dhiiga isaatiin si woraannee akka ati daftee  hin duunee fi nagayaan hin jiraanne si taasifna… Garuu uduu kun marti  hin taane murteeffadhu!” jedhaniin. Haga kanaa fi ka biraa jedhaniin hin  dubbanne. Maal dubbata? San duras waan hojjate dubbatullee ka isa  dhagahe hin turre. “Akka na dhagayan waan hin hojjanne hojjadhe jedhaa?  Waan hin hojjatin, hojjadhe jedhee, eennuun woliin hojjatte yoo naan  jedhan eennuun hima?  Kun ammoo waan hin hafne? Waa himnaan wonni biraa faana dhufuun hin hafu. Wonni an himu kun soba ta’uu yoo hubatan ammoo  dhugaallee dubbannaan na hin amanan” ka jedhu ammoo san dura yaadaa ture.

“Hin dubbattuu?” jedheen worra bitaa mirga isaa dhaabatan keessaa tokko.

“An  dhugaa jiru isinitti himaa jira. Barsiisuun alatti waan dalage  takkallee hin qabu” inni jennaan harka isaa lamaan duubatti hidhanii  “eennu woliin hariiroo akka qabdu himta moo hin himtu!?” jedhanii  shabbeenuu jalqaban. Ima ciniinnate. Maayiirratti tumaan harkatti  laafnaan “hin hafa! Si hin ajjeefnu. Akkanumatti sitti taphanna!”  jedhaa, kutaa keessaa baasanitti darbanii biraa lixan. Bakkuma taa’e  sanitti waanuma eebjuu keessaa utaalee yaadaa ture. Eebjuu biraa ta  eebjotetti tare. Eebjuu san yaadatee aare. Deebi’ee seeqate. Deebi’ee  aare ammallee. Barsiisaa wol hin feeneen, ka mana barumsaa tokko woliin  turan, ka seenaa barsiisu, ka kutaa keessa dhaabatee uduu barsiisu  dhuufuu buux godhe, barsiisaa Xilaayee eessaa fidee akka eebjuun arge  hin beenne. Barsiisaan sun, uf tuulaa ol aantummaa Amaaraa ka  duriitiif booyu qofa uduu hin taane, gowwaa qubeen afaan Oromoo akka  faaydaa hin qabne ijoollee Oromootti himu woyii ture.

Yoo akka inni  himuu, afaan Amaaraa dhiisanii afaan ufiitiin barachuun dhiphummaa qofa  uduu hin taane wollaalumma. Afaan Oromoo “afaan Oromoo” jedhee hin  waamu. “Laatiininyaa” jedha. Jibbaan inni barsiisota afaan kana  barsiisaniif qabu irraa mudhata. Kanumaaf jecha Oromoon isa fedhu hin  jiru. Damboobaanillee akka namiituu ilaalcha mishaa hin qabuuf.  Kanumarraa ka ka’e, gaaf tokko bartoonni barsiisaa kana “akka nu hin  barsiifne” jedhanii iyyatan. Waan isaan dhagayaa dhabnaan gaaf kaan,  uduma inni barsiisu, riichitiin uchumaan qabsiisanii jala buusan dhooyuu  fi barsiisichi sun nahee dhuufuu buux godhuun takka. Barsiisaa santu  asitti dhufee “gatii kee argatte! dhiphaa” ka jedhuun eebjuun arge.  “Habashaan eebjuunillee nu biraa hafuun heddu!? Gaafa duunellee qabrii  nu falmuuf dhuftii laata?” jedhee aaraa turee yaada  biraatti tare.

Mana  isaatti tokko-tokkoo gaditti, tokkoo ammoo olitti jiraataa ture. Siree  mishaa jedhamu ta’uu baatullee ka mana isaatti irra rafaa bahe badaa  miti. Uffata badee hin beeku. Hiyyummaa nyaata dhabaatiinillee nama  guddatee miti. Haga fuudhellee jireenna barsiisaan tokko jiraatu  jiraataa ture. Dukkana san keessa yeroo irra jiru ima taa’a. Yeroo tokko  tokko ammoo dhagama ligidaayu san irra huursee rafa. Kokkeen namaa waa  hin diddu. Nyaatuma akii sareenuu miilaan baqattu, ka jala buusan san  nyaata. Uffatuma irra jiru saniin lafa halkanii guyyaa adda hin beenne  san keessa ture.  Ilmi namaa laafatti akka hin duune ka  hubate eega tumaa gaafas uf wollaaleen san keessaa deebi’ee as. Dhagaa  irra ciisaa ture qofa uduu hin taane, kutaan  sunillee ka itti qabbanaaye eega eebjuu san keessaa dammaqee taa’ee as.

“Mana kiyyatti uduu haala akkanaa keessa jiraadhee hagana bulaa laata?” ufiin jedhe.

San  dura, haala akkasii keessa ilmi namaa jiraachuu akka danda’u kitaabaan  dubbise. Ufii isaatii haga arge ammoo reef torbaan lama jira.  Jijjiiramni hin turre. Kutama san keessatti torbaanota dabalate.

Achii  asillee harka lamaa sadi, kutama san seensisanii tumaniiran. Tumaan  maayii garuu akka gaaf duraa laafaa hin turre. Qaama irratti  hadoochanii, gurra duuchaniiran. Funuunsaniiranii laamshessaniiran. Ol  ka’ee dhaabachuu hin danda’u. Lafti marteenii gubbaa gara galuu yoo uf  hubate gattaa’a. Gogaa qofaasisuu ka jalqabe ammoo baatii tokko booda.  Yeroo tokko tokko ammoo wonni qofa’ee tufu dhadhamni isaa dhiiga dhiiga  itti dhaya. Akkasumatti baatii lama jala gahe. Haga kana mara ta’e  guyyaa tokkollee waan mucaa isaa uduu hin yaanne oolee hin beeku.  Waanuma mucaa isaa woliin ta’aa ture andisa. Mucaa isaa tolaan dhiisii  lolaanillee injifatee hin beeku. Gaaf tokko isa manaa bahaaruun “si  woliin deema” mucaan jennaan “taa’i… na faana hin deeminii” jedheen.  Mucaan tole hin jenne. Hin loleen. Biraa hafuu dide. Shaxxee fudhatee  itti ka’e. “Na dhahi” jedhee itti deeme mucaan. Dhayuu hin dandeenne.  Sossobachutti deebi’e.  “Hayyuu kiyya! Adaa na hin jaalattuu!” jedheen. “Si jaaaladha” jedheen mucaan deebisee.

“Na sobaa jirta! Maaliif waan an siin jedhu hin dhageenne ree?” jedheen abbaan.

“Atuu na hin jaalattu” jedhe mucaanillee deebisee.

“Maaliif?” jedheen abbaan.

“Maaliif  waan an siin jedhu didda ree?” jedheen. Bakka amma jirutti yoo taa’uu  mitii yoo silim jedhullee isa afoo dhufa. Wonni inni jedhuun gurra isaa  irratti qillisa.

“Adaa  na hin jaalattu aabbaa kiyya!” jedhaan. Yeroo mucaa isaa yaadatu kamuu  garaa jabaachuu dadhabe. Akkuma keessa jiru sanitti akki mucaan isaa  itti jiru isa yaachisa. yaadaan faana hiixxata. Dhaqqabuu yoo dhabu  ammoo akka daa’imaatti fiqqifatee booya. Yoo yaada mucaa isaa irraa as  gara galu ammoo ufiin qaaqa. “Akka garaan dhalaa si godhe hin ta’in kaa!  Akka dhiiraa ta’i kaa gurbaa! Duuti akkana fa’atti dhuftii jajjabaadhu!  Akka an itti jiru saba kiyya dhiisii worri irraa dhaladhee arguu dhabe  jettee garaa uf raaftee maqaa dhiiraa hin balleessin kaa bada gurbaa!”  ufiin jedha.

Asoosama Xalayaa Hayyuu Kutaa 7ffaa
-7-

Wonni  keessa jiru boolla haata’uu mana, adda hin hubanne. Waan dubbataa  dhiisii wonni shokossaallee hin dhagayamu. Kutaa san keessa malumaan yoo  deemu dhiphaa dha. Tontoommatte dhadhayee laale. Siidaa rukkuttaa  tomtoommuu isaa dhiisii rukuttaa biraatuu liqimsee hambisu. Hundee kutaa  mara irra deemee laaluuf uduma naannayu balbala bira gahe. Cufantaa  sibiilaa ti. Sibiilli baxxeen waa irra kaayuuf tolu woyii, wolakkaa  cufantaa sanii irra jira. Harkaan qabee laalee bira taree naannayee  ammallee mare itti deebi’ee, caldhiseetuma uf duuba luka mirgaa fuudhee,  ta bitaatiin uduu itti deebi’aaru waa dhiite. Wonni sun ol fuunaan itti  ajaaye.

Jarikaanii afaan muraa ka finfaaniif irra taa’an ta’uu beekee  gara balbalaa gad siissee kaayee deebi’ee taa’e. Dukkana itti isa  darbanii lixan san keessa hagam akka ture hin beeku. Garuu saa’aa kudha  lamaa gad akka hin taane bikka. Saa’aa dheeraa kana booda sagalee woyii  dhagaye. Miila nama deemuu yookiin socho’uu ta’uu hin wollaalle. Namni  socho’u sun waa ibsataa gara balbalaa as dhufe. Balbala kutaa inni jiruu  gahee, cufantaa sibiilaa wolakkaa irratti qaawwa diqqoo woyii banee,  uduu homaa hin dubbatin, qaawwa san keessaan, sibiila baxxee san irra  waa kaayee, gad deebisee cufee yoo lixu hin dhagaya. Akkuma namni sun  lixeen dhaqee laale. Nyaata laastikii woraqaa irra kaayameeru woyiiti.  Waan saanii san irra jiru qubaan yoo qabu akka buddeenaa woyiillee itti  fakkaata.

Fuudhee ulate. Hin onta. Beelayullee lubbuun fuudhuufii didde.  Achumatti deebisee dhiise. Ammallee haguma qara turan turanii deebi’an.  Namni dhufe akkuma yoo duraa qaawwa san banee uduma hiixxatee nyaata  biraa achi kaayaaru, ka inni san dura achitti deebise qaarisee, ka biraa  kaayee lixe. Yoona akka  yeroo duraatii miti. Beelayeera. Dadhabeeralle. Nyaata achi kaayame  san, bakkuma san dhaabatee, irraa kukkutatee malumaan jarikaanii san  keessatti darbee as deebi’ee taa’e. Dukkana keessatti ijji hin  barbaadamtu. Sammuun namaa waan ijji yoo ifaa keessa jirtu mudhiftu  caalaa guddisee namatti agarsiisa. Maal fa’a yaada? Maal fa’a hin  yaanne. Akkaataan qabama isaa, waa’een maatii isaa, sababa isa qabaniif,  waa’een Oromoo, waa’een barumsa isaa ka eebbifamuuf deemuu, Hiriyyoota  isaa, bartoota isaa, waan keessa tare mara.  Maruma irra ammoo ka gurratti isa qillisu waa’ee daa’ima isaati. Yoo isa woliin taphatu, gaafii fi qaaqa isaa…

Hin turre. Waan shokossu dhagayee yaada keessaa deebi’e.

Qoonqaa  fi kottee namaati. Rifatee ol jedhee gurra qeense. Nama tokkoo ol.  Qoonqa malee wonni qaaqan hin dhagayamu. Ni deeman. Ni dhufaaran. Ni  dhihaatan. Ni cadhisan. Kotteen tokkoo dhufee balbala gahe. Banee  baatirii kutaa keessa ol ibse. Ol seene. Baatiricha kutaa san keessa  hundaa haga hundaa eega ibseen booda dubbate; qoonqi nama sodaachisu  yookiin nama sodaachisuu barbaadu. “Heey! Onaguu” jedhe, baatirii itti  qabee. Damboobaa Kinniisoo hin dubbanne. Ammoo ifaa baatirii san jalaan  yookiin irraan achi laaluu yaale. Fuula dhiisii miila nama saniituu  arguu hin dandeenne. “Ka’i” jedheen qoonqi sun akkuma baatirii fuula  isaatti qabetti. Ol ka’e. Bira dhaqee uffata isaa qabee harkisee gara  balbalaatiin qajeele. Namticha irreenillee akkuma qoonqa isaati. Bakka  jiru san keessaa yoo gadiin bahanillee lafti  dukkanuma.

Bakki sun ammallee, ala akka hin taane hin beessisa. Lafti  ammallee guyyaa taatee halkan adda hin beenne. Namtichi akkuma uffata  isaa qabetti harkisaa qajeeleen. Kooridara woyii jidduu hagatuu deemanii  kutaa woyii seenan. Kutaan baldhaa miti. Dhiphaa badaallee miti. Ibsaan  kutaa keessa jiru hanga’e ifa. Namni uffata loltuutiin jiru, ka  gullateeru, ka fuulaan balbala laalee barcumaa afaan balbalaa jiru irra  taa’u woyii isaan ol seennaan qajeelee taa’e. Fuulli guutuun guututti  hin muldhatu. Barcumaaleen lamaan woyii ammoo nama san afoo jiran.  Minjaala gabaabaa woyii irraa wonni muldhatu gongaa silkii gurraacha  woyii qofa. Isa duubaa barcumaa tokkicha woyiittu jira. Namni fidee,  kutaa san isa seensise, “taa’i” jedhee xarapheezaa san duuba taree  taa’e. Isallee mataan haguuggu. Uffata loltuutiin jira. Damboobaan nama  sanitti fuulaan gara galee taa’e. Daarayee shookalleera. Uffata qofaan  jira. Lutti qulla.

Gaafa kutaa sanitti isa  darban waan ufirraa qabu keessaa wonni irratti hambisan yoo jiraate  uffata qofa. Kophee, qabattoo fi sa’aatii yeroon laallatanii mitii,  qubeen qubaallee irratti hin hafne. Taa’ee kutaa keessa waan isa afoo  jiru laala. Namtichi isa afoo taa’u eega inni seenee jalaa fuudhee haga  gubbaa akka isa laalaaru argaa jira. “ABO akkamii agarte laata?  Midhaassii laali qofa” jedhaa waan kutaa san keessatti isatti muldhatu  laala. Xarraa fi baaxiin kutichaa siidaa dha. Qulqullinna hin qabu. Hin  daarayeera. Akkuma isaa. Daaraa uffate san keessaan caldhisee nama isa  keessa jiru laala. Hin dubbatu. “Meeqatu uduu inni cadhisee akkasitti  laalu maal ta’e laata?” jedhe ammallee garaa isaa keessatti.

Uduu hin  turin ammallee namni biraa seene.Kun akka kaawwanii gullatee hin jiru.  Uffatallee ka siiviliitiin jira. Mataa ammoo keeppii qaba. Qaamaan  qadhinnatti daba. Ka xarapheezaa gabaabaa duuba taree taa’e amma, nama  ol seene san jalaa ka’ee barcumaa  Damboobaa dalga jiru irra dhufee taa’e. Eega gad taa’ee ijaan  Damboobatti goge. Ijji haga woyii gegeetti. “Ye oonag falaasfaa!” jedhe  Afaan Amaaraatiin. Jalaa hin dubbanne Damboobaan.

“Hin dubbattuu!” jedheen. Ammallee hin caldhise.

“Siin jedhaa bar! hin boonaartaa?” jedhee ciniinnate.

“Lakki an wonni boonuuf hin jiru” jedhe Damboobaan.

“Ticharii keenna jennee faaruu woliin si haa waamnuu barbaaddee ree?” jedheen.

“An akkas hin jennee…”.

“Amma  dubbii haa gabaabsinuu… Waan atis taatee fi waahiloonni kee itti jiran  rifeensa mataa irraa haga qeensa miilaatti harkaa qabna. Wanni nu jalaa  dhokate hin jiru. Hin dhossa jettus hin dandeettu. Ati eennu ka jedhuu  miti ka barbaannu? ABO seeraan ala ta’e, ka mootummaan labsetti maaliif  miseensa taatee kaayyoo isaa deemsiftee dha? Maan’ee ABO meeqa akka  ijaarte, horii meeqa akka guurtee akka galchite ka akka himtu sirraa  barbaannu. Egaa kana adda baasii lafa kaayi” jedhee ija fufurdaa san  babaase. Kuuwwan lamaan homaa hin dubbatan.

“Wonni  amma naan jettan kun tokkollee kiyyaa miti. An waan ABOtti miseensomee  hojjadhe hin qabu” jedhe namni isa amanu akka hin jirre beekullee.

“ABO beettaa?” jedhe namtichi inni kana jennaan.

“Haga namni kamuu beeku!”

“Amma nu sobda moo uf sobda?”jedhe.

“Ufillee… isinillee waan sobuuf hin qabu” jedhe barsiisichi.

“Namni  akka keetitti ciigoo barreessee barattoota mootummaa irratti kakaasu  miseensa isaa hin taane… isaaf hin hojjanne yoo jedhu namni isa amanu  akka hin jirre wollaaluun isaa nama gadisiisa”jedhe.

“An dhugaa jiru dubbadhe malee akka na amantaniifii miti” jedhe. Naasuu fi aariinillee itti hin jirtu. Abdii kutachutu irraa mudhata. Harka maratee taa’a.

“Mana barnootaa keessatti maal bartoota barsiisaa turte?” jedhe namtichi ammallee.

“Waan barsiisaan tokko barsiisu”

“Maal fa’a jettee?”

“Waan barsiisaan kamuu jechuu qabu jedhee”.

“Tolee  mee isa waa’ee ABO itti deebinaa… Ciigoo fi sheekkoo fakkeessee  bartoota kakaasaa ka ture eennu? Saree fi yayyii jettee ka bartoota  ittiin kakaasaa turte sareen eennu? yayyiin eennu? Gooftaa ka jettuun  hoo? Ammas qottoo fi muka qottoo jettee ka barsiifte hoo? Qottoon eennu?  Mukni hoo? Raammoon galaana keessa deemee isin sodaachise hoo kami? Ati  namni waan afaan Oromoo barsiisu fakkeessee bartoota akka ABO ta’an  qaru, dabballeen ABO ABOf hin hojjanne yoo jette ka si amanu hin jiru.  Nuti diimaa gurraacha kee hin beennu. Hujii kee kana fakkaatuun si  beenna, si dhageennas. Ka biraallee heddu siif dabaluu dandeenna. Ammoo  hujii kee ‘hin beekan’ jettee sobuu akka hin yaalleef kana mara keessa  deemne.

“…Ammoo!  nuttillee hujii hin baay’isin. Ufittillee garaa hin jabaatinii waan  dalagaa turte tokko tokkon lafa kaayi” jedhaa nyaara guuree, quba itti  mirmirse. Hin yaade; Damboobaan. Maal namicha sanitti deebisa.

‘Damboobaa kiyya! anaan kana jechuu dandeetta. Worra waan an jedhe qofatu sirriidha jedhuun ammoo kana jechuu hin dandeettu”  ka Ruufoo jetteen gurra isaatti qillise. Waan biraa ka jara saniin  jedhu ammoo hin agarre. Waanuma gaafa san Ruufoon jedhe deebisee  namticha sanitti dubbate.

“An  wonni isinitti himu yoo jiraate Afaan Oromoo barsiiseera. Sanii achi  waan hojjadhe hin qabu” inni jennaan, ka isa afoo taa’u lafaa ol  utaalee, dhabanaasaa bitaa mirgaa “gamba gamba” itti godhe. Bakkuma  taa’etti lafti marteenii barcumaa irra taa’u irraa daaqe. Hin turre.  Namtichi gaafii isa gaafataa ture funyaan itti bunnaan, jarri uffata  loltuutiin jiran sun bitaa-mirga qabanii bahaniin.

Walaloo: Yaa Haadhoo
Guddataa U. Baayyisaa Irraa*

Haadhoo

Yaa Haadhoo

Yaa haadhoo garaa migraa

Tar jette kan naaf baqaqxuu,

Fageenya lafaa gombiftee

Guyyaf halkan wal fuusifte

Daddaftee kan naa qaqqabdu;

Beeloftee ‘naaf quufa hawwaa

Horco’i kee naa darbattu,

Amma ‘llee anaaf raafamta

Lubee na arguuf sardamta

Baduu kiyyatti hinmufattu!

Jaalala onnee ‘rraa maddeen

Lattuu coqorsaa qbattee

Eebbaan martee, na tolchitee;

Beenu, biqilii dagaagi

Qaroomi, baraan daraari

Namoomi diina ‘rra aani,

Beekaa ta’i, beekkumsa dhaali

Hiyyummaa cabsi, deegumsa dhaani

Taliili, lammi gaachani,

Qaamaan tuuji, sammuun guuli

Humna argadhu, malaan buli

Milkaawi, nagaan nuu gali;

Jette hawwii dhaan naqamtee

Boruu kiyyaan harra furuf

Adeemsa koo hofkalchitee;

Awwaali handhuura keenyaa

Osoo biyyen ‘saa ‘ndiigamin

Jifuun na simachuuf maltee,

“Barri indarba”, obsi onnee

Haadhoon koo naa dhufaa jiraa

Jettee Hmilee soorattee

Goota huursu gurra dhahaa

Dhara goobe irraa bahaa

Abdiin guyyaa lakkaawwattee;

Of kennitee, deegdee kuftee

Nyaattuu namaan soddoomamtee

Abummaa qe’ee saamamtee,

Roorroo bafkattee alagaatiin

Miidhamtee, qaamni si cite

Irkoo dheebottee, gubattee;

Utubaan ulfinaa kufee

Golli abbaa warraa tuufee

Hadhaa salphinaa unattee;

Aariin qaama si waxalaa

“Yeroon geese” maalo haadhoo

Jettee yommuu natt’ iyyattu,

Akka umaa ganamaa san

Akka gara-laafummaa kee

Mararfataa haadhoo eegdee

Yoo ciniinattee miixattu;

An’ mee ammas nan daaddisaa

Siileffamee lubuu dhiisi

Amman gawu sanaa hanqadhee,

Yaadaan bututee, raata’ee

Of dhiphisee, burjaaja’ee

Bilisummaa kiyyoon hudhe;

Beektaa …

Qalbiin na baddee jonja’een

Bitaaf mirgatti kiphee bu’een

Teegoftuu waliin roorrisaa,

Isa cabu burkuteesseen

Isa ‘mmoo cime rarraaseen

Dukkanaan ifa doorsisa,

Darsa qaanii itti mare

Koo soqolee yoon xiqqeessu

Sagaleen kiyya ‘nbookisa;

Dhimma kee of harkaa ‘nqabu

Egeree keenya irraanfadhee

Ana jiruut na gidiraa,

Waa jedhe yoon waa argadhe

Sossobadhee waa qicadhe

Gammachuu dhaanan kirkira;

Gurmuu ummataa, ijaarsa lammiif

Seera tumuuf, sirne utubuuf

Yoom sammuun kiyya dhiphataa,

Dhara gaanse, jibba rimsee

Safuu cabsee, qaani goobsee

Lugna aangessuuf miriixata;

Yaa haadhoo!

Maal naa qabda, mee naaf himi

Akkamiin na waldhaanattaa

Ana haadhoo laguu ‘nqabne,

Du’aaf midhaa kee osoon arguu

Conqolaate yoo qorritu

Onneen xiiqiin nanrommine!

Na lagachuuf qaaneffattee

Obolummaa qanansiisaa

Gaddaan dhibamtee hinsiqiqin,

Karaa ‘rraa dabee gatantaraa

Dhugaaf dhara waliin maraa

Tirachuun koo si ‘nmiliqin,

Ija kiyya keessa na ilaali

Halbaadhummaa kiyya abaari

Saalfiin seeqxee naa ‘nbiddiiqin;

Namummaaf wabi akkan dhaaphu

Sirreessi nattotolfadhu

Qeeqa kee na unachiisi,

Qarooma kee natti biifi

Bitaaf mirgaa na to’adhu

Keessa kee na qubachiisi;

Qarooma kee natti biifi

Bitaaf mirgaa na to’adhu

Keessa kee na qubachiisi;

May, 2011

Elmataa, Baranee, Yeroo
Guddataa Irraa*

Elmataan kan kaloo seeru

Daangesse kottee ‘rraa ittisee,

Looniif tolee ardiis tolchee

Boqachiisee balaa ’rraa oolchee

Bara baraan quubsee tiksee;

Elmataan saawwaniin boona

Coraaf hormaa saanii baree,

Aduuf rooba irraa qolatee

Sossobee waliin foolatee

Ciibsaaf dhoqqee jalaa haree;

Elmataan obboroo ’nciisu

Galgala barfateet galaa,

Malkaa daakee laga cehee

Saawwan saa waliin bobbayee

Horsiifachuuf mala falaa;

Elmataan ollaa ‘nlagatu

Lafee walumaan bulfataa,

Dhangaa mi’aawaa kuta’tee

Itt’ unatee dhamdhamatee

Dhugaa kennee kaan fudhataa;

Dhibdeen elmataa baranee

Xireeffattuu gannaaf bonaa,

Roobnis caamnis kan dhukubsu

Gaadisni lammi kan bulluqsu

Watwaattu hanqiftuu seenaa;

Baranee hunda tuffachaa

Cubuuf hammeenya kuufattu,

Kosii alagaa qulqulleessaa

Borii sanyii unkuteessaa

Of cabsuun bu’aa buufattu;

Baranee barri uddeellatee

Qomoo cabsee saggaarsisu,

Dhuka jabinaa keessaa xuuxee

Dhidhiitessee hidda muuxee

Sammuu baqsee halaaksisu;

Baranee yerootu uumaa

Kan obbaafachiisus yerumaa;

Yeroo?

Yeroo yaa gameetittii

Waan si hima bayeettitti!

Haabaqiif callaa saccaatee

Inqaacii kan gongolchitu,

Goggogaa jiistee qajeelchaa

Dheedhii umriin bilcheessitu,

Kan dhokate ifa baaftee

Isa aguuggate saaxiltu,

Fakkeessaa dawoo dhorkitee

Qullaa dhaabde qaanessitu,

Gola dharaa gorroo ’rraa diigdee

Dhugaaf bakka kan maddistu!

Yeroo siff uggum gooftaa koo

Siif galata hunda agarree,

Kakatee isa kakuu nyaatu

Yeroo situ mee hunkuree!

Tufoo inni keesa riphe

Irraa cirtee qulleessitee,

Summii diiggaaf dhibaafatu

Dhangalaaftee goggositee,

Araba dheeraa qaanii hinbeekne

Qimixxee ‘rraa gabaabsitee,

Safuu cabsee isa foolatu

Fedhiif lammii gurguratu,

Isa borcee heera busheessu

Gabrummaa ijaaree milkeessu;

Yeroo mullifte galata

Hundi calqabe of gaafachuu,

Soba hundee ‘rraa qancare

Hidda muree obbaafachuuf;

Wal ijaaree waliin sochoo’uf

Bitaaf mirgaa walqabatee,

Ololaan wal dhiibuun hafee

Tokkummaan kaayoo utubatee;

Oromummaa olaanfatee

Injifachuuf akeekkatee,

Seenaa ‘saa malaan qoratee

Lammi lammoomsuuf muratee;

Oromootti dalaa ’jaaruun

Bu’aa dhabuusaa hubatee,

Sinsinniin humna wal cabsuu

Maganee of irraa kutee;

Yeroo nu itichi ammallee

Baranee ’rraa nu baraari

Oromummaan haa lalisu,

Kaayyoon cimee irree argatee

Of ’rraa haa cabsu qanbarrii

Galma ummataa haa ballisu!

OROMUMMAA, YAA OROMUMMAA
Taammanaa Bitimaa Irraa*

Afaan keenya fi aadaa

Seenaa keenya fi gadaa

Dachee teenyasoo aayyoo

Biyya keenyasoo aabboo

Bakka itti-kuffifamanii

Kan olkakaasu

Sansalata gabrummaa

Kan irraa-baasu

Oromummaa, yaa Oromummaa

Gaaddisa keenya kan namummaa!

Qorra hamaa kan namarraa ittisu

Jara balaa kan namarraa xillisu

Oromummaa, yaa Oromummaa

Bullukkoo keenya kan namummaa!

Harfixoo olaantummaa

Harqoota kan gabrummaa

Salphina gadaantummaa

Qorqalbii jalkaattummaa

Qolee kan namarraa dachaasu

Fonqolchee nam-keessaa kan yaasu

Oromummaa, yaa Oromummaa

Kumala keenya kan namummaa!

Dammaqsee dadammaqsee

Kan hirribaa nama kaasu

Hidhachiisee, Hidhachiisee

Kan gadi nama baasu

Nu tokkoomsee

Sansalata nurraa kan cicciru

Qar-darbatee

Gabrummaa nurraa kan diddiru

Oromummaa, yaa Oromummaa

Asxaa keenya kan namummaa!

Bacoo fi injiraan

Nafa keenyarraa

Shilmii fi dhulaandhula

Sa’a keenyarraa

Saca’ee, sassaca’ee-woo

Kan harcaasu

Daanawoo gumbii keessaa-mmoo

Kan gayyaasu

Oromummaa, yaa Oromummaa

Dhiiga keenya kan namummaa!

Ilaa raammoo-midhaanii

Oobruu keenya keessaa kan gingilchu

Yeeyyii-majaa nu marsani

Tamsaasee, tamsaasee kan figgimsu

Oromummaa, yaa Oromummaa

Fayyisaa keenya kan namummaa!

Warra biraa of-fakkeessu

Kan nurraa hanqisu

Ija-banee nama guutuu

Kan nu taasisu

Biyya keenya bakka

Itti-kufee kan olkaasu

Mirga keenya boolla

Keessaa harkisee kan olbaasu

Oromummaa, yaa Oromummaa

Mallattoo keenya kan biyyummaa!

Keessa keenya keessaa

Xurii gadaantummaa kan haqu

Gubbaa keenya irraa

Kosii jalkaattummaa kan faaqu

Gosaa fi saba walammachiisee

Dhiiraa fi dhalaa walqabachiisee

Biyya guutuu hidhachiisee olkaasee

Hundee gabrummaa sosochoosee raasee

Qabee kan nurraa achi darbatu

Biyyi Gadaa kan isa abdatu

Oromummaa, yaa Oromummaa

Gaachana keenya kan namummaa!

Qawwee caala kan roorrisaa sodaachisu

Saamtuu fi gaadduu kan sonaan ollachiisu

Oromummaa, yaa Oromummaa

Jabeessaa keenya kan jagnummaa!

Abbootii qawwee kan nurraa ittisu

Diina kan nurraa bittimsuu

Miiddhaa qabee kan dhidhimsu

Tokkummaa sabaa kanuuf cimsu

Nagaa biyyaa kanuuf tiksu

Oromummaa, yaa Oromummaa

Abdii keenya kan sabummaa!

Imimmaan dhiigaa

Kan harmeefoo qoorsu

Cancala dhiigsaa

Kan abbileerraa oolchu

Namaa fi sa’allee

Kan badii keessaa baasu

Mukaa fi margallee

Kan giimii keessaa kaasu

Oromummaa, yaa Oromummaa

Qoricha keenya kan fayyummaa!

Sansalata madeessaa

Rammessaa miilaa

Funyoo mormarraa gubaa

Kan akka sibiilaa

Nurraa ciree, cicciree

Kan gamatti darbatu

Eeboo fi wantaa tahee

kan nu cinaa dhaabatu

Oromummaa, yaa Oromummaa

Bakkalcha keenya kan namummaa!

Lafa, lafee Oromoo

Qircaarraa kan hambisu

Biyya, biyyee Oromoo

Gabaarraa kan deebisu

Awwaallan aayyolee

Kaabbaawwan aabbolee

Yeeyyiiwwan baargamaa

Jalaa kan baasu

Majaalee manaa-alaa

Irraa kan yaasu

Oromummaa, yaa Oromummaa

Irkoo sabaas kan namummaa!

Odaarraa dhagaraa ittigamaa

Siiqqeerraa harka isa hamaa

Gadaarraa roorroo dukkanaa

Safuurraa jarreen gubbanaa

Irraa qolee gamatti

Cimsee kan harkisu

Mancaasaa-badiirraa

Isaan kan hambisu

Oromummaa, yaa Oromummaa

Bu’ura keenya kan gamtummaa!

Alaabaa keenya boolla keessaa olbaasee

Shaggarii fi Niiwu-Yoorkiittis rarraasee

Republika Gadaa kan nu gonfachiisu

Jireenya guutuufis kan nu abdachiisu

Oromummaa, ammas yaa Oromummaa

Kallacha Oromiyaa kan bilisummaa

Guca birmadummaa fi kan walabummaa!

Barliin, 05. 05. 11