Asoosama

Ateetee

Featured

Headline

Hiibboo

Home » Asoosama, Headline

Lallaba Hin Dhagayamne

Submitted by on January 4, 2011 – 4:44 pm4 Comments

Asoosama kana Amaan Hedatoo-ttu barreesse.  Amaan Hedatoo amma biyya Ameerikaa, isteeta (kutaa) Koloraadoo, magaalaa Denver keessa jiraata.  Amaan waayee adda addaa irratti nama asoosamoota gaggabaaboo heddu barreesse.  Kitaaba  xumuree harkaa qabu  maxxansee  ummataa dhiheessuuf  hiree barbaadataa  jira.   Namni isa qunnamuu fedhuuf, teessoon isaa:   misxira@yahoo.com

Lallaba hin dhagayamne

/Asoosama gabaabaa- Amaan Hedatootiin/

*****************************

-1-

Guyyaan Dilbata ganama. Saa’aan guyyaa gara tokkoo fi cinaati. Hin roobu. Duumessi garuu ulfaateera. Ulfaachuu qofaa miti. Gurraachateera; Finfinnee guutuu irratti. Namni naannoo Qaallitti akkuma namoota naannoo kaanii duumessa dorrobeeru uf gubbatti laalaa gara hajaa isaa wol mura. Jaarsaa fi jaartiin woyii konkolaataa jiddu jireessa nama fe’u woyii keessaa bu’anii dhadhaabatan. Gurbaan cufantaa konkolaatichaa qabatee dhadabatu “kuunno achii dhaqaa” jedhee karra woyii itti akeeke. “Qaallittii maarramiyaa” jedha barruun afaan Amaaraatiin karra san gubbaa mudhatu. Mana hidhaa Qaallittii.

Jaarsaa fi jaartiin sun yoo gara karra itti akeekamee, achi laalan loltoota haga lamaa sadihii woyiittu karra san irraa mudhata. Gurbaa san eebbisaa gara karra itti akeekamee qajeelan. Isaan karra bira geennaan loltuun tokko itti as dhufee “maal barbaaddan?” jedheen, Afaan Amaaraatiin. “As nama woyii gaafanna jenneeti?” jedhan jaarsi Amaariffi harkaa qoqonyatu.

“Eessaa dhuftan?” jedheen.

“Amborraa dhufne?” jedhan jaarsi.

“Guyyaa adhaa karri nama gaafatan asiinii miti. Asiin deemaa duubarra naannayaa. Duubasiin malee asiin hin gaafatan” jedhee harkaan gara deemuu qaban itti akeeke.

Karaa ka hin beennee fi lafaafillee haarawa ta’uu itti himnaan “an homaa isin gargaaruu hin danda’u! asiin deemaa duubas naannayaa” jedhee, ceela’aa, dallaya keessa turetti ol deebi’e. Jaartiin jaarsa san woliin jiran Afaan Amaaraa, ka hin beenne ta’us, fuula loltuu sanii irraa tola hin dubbifne. Loltuun sun biraa lin’aan “maal siin jedha?” jedhanii jaarsa gaafatan. Jaarsi waan jedhaman itti himanii, karaa jedhame jaartii jalaa qajeelan. Bakka jedhaman ammoo ka beekanii dhaqanii kaan hin beenne. Jaartiinillee waan duddaa qaban tottolfataa, jaarsa faana qajeelan.

Moonaa loltuun sun itti ol deebi’e keessa, blookota kutaaletti qoodaman, kanneen  namootaan guuttaman heddutu jiran. Kutaalee sanniin keessaa balbalti tokkoo ban’a. Namtichi tokko jaakkeettii gullootti deebi’ee, harka kiisii kaayatee, karra kutaa sanii afoo garaa dhiibaa biqiqa. Namni kutaa san keessa jiru, garri irra jiru bakka ciisuuyyuu ka’ee hin jiru; Tolcha Magarsaa Jiloo Qilxuu woliin taa’ee haasayu malee.

Du’a Oromootaa, ka guyyaa lama duraatiin kutaan guutuun akkuma guyyichaa dukkanaayeera. “Dhibee baasaa ka mana hidhaa keessatti ka’een du’an” haa jedhamuu malee waan isaan ajjeese qajeelatti ka beeku Waaqa tokkicha.

Sagale guddiftuun mooraa san keessa, bakka woyiitii, maqaa namaa waamu ammoo, mooraa san qofa uduu hin taane, fagotti namoota karaa deemanittillee dhagayama. Namoonni gara shanii sagale-guddiftuu saniin waamamanii yaa’aniiran; kutaa sanii.

“Dheengadda woliin mana murtii oollee bar”

“Akkam jira gaafas?”

“Fayyaalessa! Wolumaan turre!”

“Maaltu tuqe ree yoo ufumaa ajjeesan malee…hay Gammuu! Dabre inni!”

“Kuuwwan hoo laata?” jedhe ammallee ka gaafatu, kuun cadhifnaan.

“Gammachuun yaaluma dhabaaf. Kaan ammoo kama uleen ajjeefte baasaan maqaa itti badde” Ima haasayan; Tolchaa Magarsaa fi Jiloo Qilxuu.

“Ajaa’ibni ka mucattii saniiti?”

“Ishii woggaa kudha shan kennaniif san baantaa?”

“Yaa rabbi!” jedhee mataa irbe Jiloon. Tolchaan cadhifnaan “eeguma Oromoo du’e yaadachuunillee hidhaa woggootaa ka namatti murteessisiisuu…” jedhe.

“Dhiisi obboleessa koo!” jedhee mataa irbee itti fufe kuun. “…dubbiin yoom qawwee dhukaasuu fi dhiisuu taate… Oromoo ta’uun…” jedhee uduu Tolchaan hin fixatin, sagale guddiftuun wol faana iyyitu maqaa isaa dhoofte.

Waamichi waanuma eegaa ture ta’us maqaa isaa dhageennaan rifate. Nama dhiheenna kana, akkuma tasaa dhufee isa dubbisetu, abbaa fi haati isaa akkasumas namni biraa guyyaa adhaa dhufee akka isa dubbisu itti hime. Namni biraa, ka dhufee isa dubbisu eennu akka ta’e inni gaafannaan “namuma beektu! Hin shakkinii dubbisi!” jedheen namni gaafas kana itti hime sun. Akka namni guyyaa adhaa dhufee isa dubbisu ammoo, nama amma woliin haasayu Jiloo Qilxuutii fi namoota muraasatti himeera. Akkuma maqaan isaa waamameen Jiloo achumatti dhiisee ka’ee balbala laale. Umriin shantama dhudhuleera. Hojjaa hin gikkata. Bifti adha gurraachatus dur diima ta’uu hin beessisa. Qaamaan ammoo duruu qadhaadha. Ammoo jireenna keessa jiruun taan caalaa xochateera.

Gabbahee bitaa-mirga midhatee, jaakkeettii moofaa wolitti harkfataa gara waaman qajeele. Rifachuu irraa dhikkifni onnee isaa waan yeroo san dhagayu mara caalaa itti dhagayama. Haga qabsoo Oromootti makame garaan malee ijaan booyee hin beeku. Wanni nama boochisaa waan isa hin qunnaminiifii mitii. Meeqa fi meeqa keessa tare? “Dhiirti hin aarti malee hin boochu. Yoo booches imimmaaniin fuula hin dhiqattu. Garaa ishii keechatti!” jedhan dur akaakayyuun isaa. Jecha akaakayyuu isaa irraa dhagayaa guddate santu, imimmaan isa dhooggaa laata? Hin beeku.  Yoo silaa taa’ee ka booyuu ammoo, mara caalaa ka isa boochisu, ka waahiloota isaa, isa biraa kufaniiti. Adha garuu Tolchaa garaan malee ijaan booyee hin beenne, imimmaan ija keessa mare. Abbaa fi haadha isaa arguuf deemaara. Keessattuu haadha isaa,ta yeroo baay’ee “Tolaa koo” uduu jedhaniin woggoota heddu dura adda baheen.

Eeydoowwan rarraatoo moonaa mana hidhaa sanii marsanii muldhatan heddu. Waardiyyoonni isaan keessa taa’anii yookiin dhaabatanii waan moonaa san keessatti ta’u hordofan. Kutaaleen mana hidhaa dallaa san keessa jiran irra caalaan qorqoorroodhaan adda bahaniiran. Kutaan Tolchaan fa’a jiranii fi ka gara dhihaatiin jiru tokko garuu shiboon adda haqaaqamaniiran. Xurree qaldhoo qorqoorroo fi shiboo jidduu jirtu keessa uduu deemaru dallaya shiboo gamarraa, hidhamaan gara kutaa deebi’aaru woyii dubbisee “akkam taate dheengadda?” jedheen.

“Kudha torba badhaafame!”

“Homaa mitii hin yaaddayin kaa!”

“Atuu ima jirtaa mitii!” jedheenii nama saniin wol bira taran. Tolchaan worra hidhaan isaa gad itti murtaaye biratti itti dhagayamullee umrii guutuu nama amma isa dubbisetti murteessan biratti woggaan kudha torba homaa itti hin fakkaanne. Ka isa yaachise kanaa miti. Ka abbaa-haadha woggoota dheeraa dura adda bahe arguuti ka harkaa isa qabu. Adda bahuu woggoota kudha afuriitiin booda haadhaa fi abbaan isaa akkam jiran laata? Keessattuu haati isaa? Yaadaa tankaarfata. Tankaarfataa yaada.

Kallattiin Sambataa fi Dilbata hidhamaa gaafataniin kaabaa fi baha manicha hidhaatiin. Namni alaa dhufu bakka hidhamaadhaan wol argu gahuuf, karra sakattaa ka kophee, qabattoo fi jaakkeettii nama mulqachiisu sadihiin booda. Bakka san yoo gahan dallaya lamatu wol irraa fageenna meetira tokkoo fi cinaatiin ijaarameera. Hojjaanillee san hin hanqatu.

Bakka gahee, yoo achi midhatu namni dallaya keessa jiru hin baay’atu. Ka dallaya duuba jiru ammoo marsee ijaajja.Nama maraa laale. Ka beeku hin agarre. Abbaa fi haadha isaa keessa soqe. Namootuma san keessatti wollaalinnaa? Morma baasee hiixxate.Namoota dallaya duuba jiran keessatti jaartolee fi jaartoleen ka mudhatan ta’us namni abbaa fi haadha isaa fakkaatu itti mudhachuu dhabe. Namoonni alarraa, akkuma isaa hiixxatanii dallaya keessa achi laalan martuu, isallee ijaan dhayaa ka biraatti taran. Innillee ka ijaan isa dhaye maraa itti gogee laalaa ka biraatti tara. Daqiiqaa muraasaaf akkasumatti barbaadaa ture. Homaa hin agarre.

Ijibbaatee, jara sagale-guddiftuudhaan hidhamaa namni barbaadutti lallaban bira gahee, nama isa barbaadu uduu gaafataaru “Tolchaa!” qoonqa jedhu dhagahee dallaya irraan achi midhate. Namni isa waame, gobbuu namaa tarree galee dallaya duuba ijaajju keessaa gara dallayaa as hiiqaa isa haatate. Sakondoota muraasaaf dhaabatee nama san xiinxalle. “Tokkicha mana samii!  Waaqayyoo koo na dhaqqabi! Namni woggoota kudhan dura du’e boollaa keessaa biyyee booratee ka’e?  moo samii bu’e?! moo namatu wol natti fakkaate?!…” jedhaa, harkaan afaan qabatee nama san laalaa, itti achi tankaarfate. Namoota irraan hiixxatee harka fuudhaa “baga jiraatte!” jedheen namni sun. “Baga jiraatte!” jedheen innillee. Nama shake ta’uun nama isa dubbisee hin qulqulleeffanneef. Namni sun isa woliin qaaquuf dallayatti as maxxannaan bitaa-mirga midhate. Poolisoonni dallaya lamaan jidduu, adda fageenna yoo guddate meetira sadi sadihiitiin, muka dalgaa furdaa, dallaya lamaan wolitti maagareeru irra tataa’anii ija hafarsan. Jarri ammoo wol-qixxee poolisoota lamaanii jiran; Tolchaa fi namni amma isa dubbise.

Nama yakka gara garaatiin himatame, ka mana hidhaa san jiru keessaa harki sagaltamii shan hidhamaa siyaasa Oromoti. Hidhamaa Oromoo kana keessaa ammoo harki sagaltamni, ka  nama isa gaafatu hin qabne qofaa miti. Ka du’aa jireenna isaatuu firri hin beenne. Worri akka jiru beekamullee hammi gaafatamu haga diqqoo dha. Namni mana hidhaa san hidhamaa gaafachuuf dhaqu dursee gaafii ka gaafatamu yoo ta’u gaafileen sun mataan isaaniituu nama sodaachisan. “Eessaa dhufte? Ati eennu? Maaliif gaafatta? Ati maal isaati? Namni gaafattu maaliif hidhame?…” gaafilee jedhan bira, nama taretu hidhamaa san dubbisa. Ka waan gaafatamuuf dursee uf qopheessetu uggee achi dhaqa jechuu dha. San bira yoo tare garaa haadhaa-abbaa obsuu dadhabetu achi nama fida. Egaa namni gaafatamuuf rakkoo hin qabne, irra caalaan hidhamaa yakka gara garaatiin himatame, ka saba biraati. Namoota kanniin gaafachuuf yeroo takka namni dhufu tokko irra taree sadii- afurillee ta’uu danda’a. Kanaafuu namni dallaya duubaa jiru baay’inna irraa wol hucuucee, wolitti maxxanee, dallayatti as irkatee, qoonqa ol qabatee gabayiffa nama gaafachuu dhufeen wolitti woca. Ka gurraa fi afaan wolitti akeeke malee wonni namni wolitti qaaqu hin dhagayamu. Innummaan wolitti haasawuuyyuu waan jedhu mara wol irraa hin hubatu.

“Ati Kormee dhaa?” jedhe Tolchaan uduma kuun nagaya gaafatu, itti jedhee, qoonqa gad qabatee, ija keessa laalaa, eega nagaya wol gaafataniin booda.

“Lakki; Taajuddiin Aliidhaa beektaa?” jedheen namni sunillee gad qabatee.

“Maarree! Biyyee jalaa kaate moo ekeraa teettu samiidhaa bu’e?”

“Eessaa baate?” jedhe ammallee kuun caldhisee ija keessa laallaan.

“Namaan konkolaataa keeysatti wal barreetiin as jirtaa kee dhageenyaaniin dhufe! Wanni fadhe haa tahuu jedheetumaan dunuunfadhee dhufe! Yoo akii si gaafatan ilma adeeroo kiyyati ji’i. Maqaas Taajuddiin Gulummaa jettaan. Gulummaan adeeroo kee ta’uu ammoo hin wallaaltu. Waraqaa maqaa saniin qaba. Yoo kana cufa bira taran kaa humaa godhuu hin dandeenyu! Waan ta’u qeebaluu dha!” jedhe, namni sun.

“Eenyu namni wol bartaniin?” jedhe Tolchaan mataa raasee.

“Guddataa dha!”

“Namoonni si bira dhufan naan jedhee ture. Tokko harmee fi abbaa kooti. Hanga ammaa hin agarre. Namni biraas si dubbisa kan inni naan jedhe ammoo suma ta’uu hin oolu kaa?”

“Eee!”

“Hayyee baga jiraatte kaa obooleessa koo!”

“Atiis baguma jiraatte! Ka jiru yoo hireen jiraatte numa wal arkaa!”

“Ee! ka biyyeen nyaatte malee!” jedhee gadde Tolchaan.

“Akkam mee… Guddataan murtii arkachuudhaaf deema naan je’ee ture… akkam taate?”

“Argadheera!”

“Hangam sitti murteeysan?”

“Dhiis abboo! waanuma xinnooshii narra keette”

“Hangam?”

“Kudha torba”

“Waggaa moo?” jedhee afaan qabate Taajuddiin Alii.

“Guyyaa yookiin ji’a ree?” jedheen Tolchaan ija keessa laalaa.

Audio clip: Adobe Flash Player (version 9 or above) is required to play this audio clip. Download the latest version here. You also need to have JavaScript enabled in your browser.

****************************************************************

Pages: 1 2 3 4 5 6

4 Comments »

  • Gaachana says:

    Amaan
    Waan hundaa dura baga rabbiin dararamaa fi rakkinna danuu san keessaa nagayaan si baase. Ogummaa qabduun saba kee tajaajiluun biyya itti dhalatte keessatti rakkisaa fi yakka taanaan biyyaa baqatte. Situ baqate malee garuu yaadni ati sabaa fi biyya tee Oromiyaaf qabdu sammuu kee keessaa hin baqanne. Asoosamoota kee akka malee jaaladha.Sababni isaas Asoosama dhugaa irratti hundaawamee barreeffamu waan ta’aniif.Osoo dhuftee uf hin qubsiisin Asoosama kana gurra nu buusuu keetiif hedduu galatoomi. Kana caalaa ammoo akka hojjattu abdiin qaba. Jabaadhu. Fayyaa fi nageenni sii fi maatii kee wajjiin haa ta’u.
    Gaachana1

  • Said says:

    Obboo Amaan
    Hundaa duraa baga jiraatte! qalbbii sabaf yaaduus ijaa saba kee argittus qabaatte qalamnii kee wirtuu dhugaa ilmaan oromoo siritii gadii faggenan bilchiinaafii xinxalaa guddaa walini waan talisisee dhugaa wal irraa hincinee talisisee yaasuf yoo dubbissan osoo hinhifanne heddu itti gammadu.

    jabaadhu

  • [...] Hedatoo Qeerransoo is an author and linguist. His first book, “Lallaba Hin Dhagayamne“, is now available in paperback in Minneapolis and Houstin, [...]

  • Walgaltu Alaa Galtii Jedhan... says:

    I also live in Denver and I don’t know about this Greater writer living next door.

    we have a very weak Oromo Community here in Denver. Hopefully one day we can get it together and teach our little children in states and teach then Afaan Oromo so then can read and write their mother’s Father’s language.

    I will also try to contact our great writer Via his posted email and see if he can give us some idea, because we need to Embrace people like this in our Community .

    Thank you so much.

Leave a comment!

Add your comment below, or trackback from your own site. You can also subscribe to these comments via RSS.

Be nice. Keep it clean. Stay on topic. No spam.

You can use these tags:
<a href="" title=""> <abbr title=""> <acronym title=""> <b> <blockquote cite=""> <cite> <code> <del datetime=""> <em> <i> <q cite=""> <strike> <strong>

This is a Gravatar-enabled weblog. To get your own globally-recognized-avatar, please register at Gravatar .