Mammaaksota Dubartootaa Oromoo
1. Heeruma dharraanee(hawwinee) heerumnaan rarraane (rakkannee)
2. Asuu oolle jette tan heerumaaf muddamte”
3. Takkattii qayyannee taduraa hanqannee ykn takkaa qayyannee lukaa gubanne
4. Bakka dhiiganii hin fiigan.
5. Kana muranii kamiin fincaayan jette haati manaa inni ofirraa mura jennaan.
6. Kaanittuu abbaa argadhu jette haati intalaan.
7. Intalti ariifattuun haadha ciniinsuubarsiifti
8. Akka beekutti dhalaa(dahaa) nadhiisaa jette intalti harka namaa diddu
9. Sirbaaf bayanii morma hin dhofatan jettee intalti waa hin saalfannee.
10. Akka ebaluutti sirbaan morma nama jallifti jette intalti qalbii qabdu.
11. Mucaa deenna malee mucaa hin geennu jette intalti of tuffatte.
12. Wol akkeessee ollaan marqa balleesse jette intalti ofiin bultun .
13. Akka aadaa teennaa gaara gubbaa baanee teenna jedhe harmi dubartootaa.
14. Ati baldi ta dhiirsa ka’imaa jette intalti abbaan manaa isii jaarsaa.
(Baldu : ashuu,qoosuu,taphachuu, busheesuu)
15. Har’allee moo jette haati ijoolleen beelofne (shoomofne) jennaan isiin bakka cidhaatii quuftee waan galteef
16. Ani ufiif hin jennee, mucaan keessan ka hangafaa sun fuudha hin geennee? jette intalti mucaa kajeelte.
17. Soddaa fi dayma hin duudhatan.
18. Osoo dhukubsataan jiru, fayyaalessi du’a.
19. Ana bakki na dhukubu asii mitii maraafuu bakkuma gooftaan kiyya jedhe san kooba jette bookeen.
20. Makkitu malee makkaa hin hajjan
(Makkitu : naamaaf mijooftu/mijaa’u)
21. Akka dida’aa fi akka didanaatti na galchi
22. Daalun xaraan kaanu tara.
Qopheessan : Abdii Boriiti


Abboo mammaaka namatti toluu itti fufi.
Abbaa Gannaati.
Abboo guddaa nama gamachisa it fufi
Mammaaksi kan kee baa`yee namatti tola haaluma kanaan itti fufi baay`ee si galateenfadha
Hedduu namatti tola. Amma yeroo addunyaan sarara qinlleenssa irraan odeeffannoo waljijjirutti mammaaksa Oromoo haala kanaan funca-toora kanarratti gumaachuun keessan namatti tola. Haaluma kannan itti fufaan jedha.