Asoosama

Ateetee

Featured

Headline

Hiibboo

Home » Asoosama

Nimoona

Submitted by on March 14, 2011 – 7:28 pmNo Comment

SEENSA

…Amma Daakanii, amma Bukeessanii, ammuma tolchuun caariggi (benii) tolchuuf jedhama. Eeyyee dhugaadha caariggii (benii) tolchuufi caariggii (benii) sana namoota yeroo dheeraaf nyaataa wajjin wal dhabanii turan baay’eetu nyaatee beela ba’a. Egaa akkuma kana kitaabni “Nimoonaa!” jettu kun yoo ariifattee isin bira geese osoo ta’ee namoota dubbisuuf fedhii qabanif akka caariggichatti (beniichatti) beela baasuun ishee hin oollU turee. Garuu sababa adaaddan yeroo itti maxxansisuuf yadnerra baay’ee turtee waan isiin qaqabdef  fedhii dubbisuu kessan kakasuu dadhabdii lata? Rabbitu beeka.

Sammuun harka dirqamsisee, harki quba dirqamsiisee, harki immoo quba hitee qalama bakka inni jiruu barbaadee qubootaan gaadi’ee qabee waraqaa adii irratti toora baasisuun eenyuuf salphaadha? Garuu  namnii yeroo isaa godhatee mudannoowwan yaadatamuu qaban kan haala duraa duuba isaanii eegee akka dheebotaan dhugutti qodaa qulqulluutti calalalee kaa’u muraasa.

Hayyoota Oromoo duraan seenaa akka dheebottootni seenaa dhuganiif gaanitti waraabanii kaa’aniif galati keenya kuma-kuma jechaa, kanneen amma waraabaa jiraniif immoo fiixaan ba’umsa hawwaa, kanneen sichitti yaadaa jiraniif immoo warabbii ilbiisota ijaan hin argamne irraa of eegani qulqulluu akka waraaban Rabbi guddaan qaroo isaanii bane yaada isaanii Addunyaa guutuu wajjin godhe fakkeenyummaa isaanii immoo Oromoo durii haa godhu.

Lammii hin baratin nubarsiisan kabajnee kanneen barataa jiranif fakkeenya taanee nuti kanneen waraqaa fi qalma wal -simsiisuu dandeenyu seenaa fi Aadaa oromoo dhokatan barreessinee ifatti baafnuuf dhaamsi keenya dhaamsa haadha keessani haa ta’u.

BARREESSITOOTARRAA

*     *     *     *     *     *     *    *

NIMOONAA

Haadha rakkoon dararamtee

Ilmashee  abdattee

‘Nimoonaa’ Jette!

K U T A A – 1

JIREENYI MAALI?

Lubbuudhaan waan jiraniif  ‘Jiraannerra’ jedhu namoonni tokko tokko, kaan immoo jireenya bareedaa kaan hin qabne jiraachaa ‘Nuuf qajeeluu dide jireenyi’ jedhu. Yaadi namaa tokko miti, lubbuun isaaniillee haa hafuu, foon isaanii utuu hin gammadin ‘Jiraannerra’ jedhu. “Garuu jireenyi maali?” jedhanii wal gaafachuun boodatti waan nama deebisu fakkaata. Tokko mataa isaa gadi qabee, utuu nama isa bira darbe hin hubatin, yoo arges eenyu akka ta’e utuu adda hin bafatiin biraa darbe yaada isaa isa akka tafkii cicciniinuu wajjin wal lolaa, araaramaa adeema. Akkuma kana ollaansaa kan gaafa torbanii yookaan gaafa torban lamaa isa argan rakkataan yaadnisaa namaa gadi godhee baay’ee arguu dandeenya. Garuu, maaliif jennee uumaa gaafachuun rakkoo dha. Kaan immoo nyaara isaa akka cancala sibiilaa, akka fo’aa funyootti hidhamee utuu hin hiikin bara dheeraa gudunfee adeema. Tokko tokko immoo quufaan isaa kan yoo irraa goran nama irraa hin gorre kan ‘Maalitti bu’u? Maal balleessu? Maal godhu?’ jechaa  yaada boqonnaan guuteen kolfaa basha’aa adeema. Waaqayyo gaafa nama uume akkuma bifa gargar godhe,waan hundaan gargar godheera laataa?

Bona aduu danda’anii, ganna rooba, beela, qofaa ta’uu,dhabuufi k.k.f hunda danda’anii warra wal jaallatanii iddoo yaadan ga’aniif badhaasni seeraan qophaa’ee utuu laatameefii nama gammachiisa ture. Rakkina jaalalaa danda’anii kan mo’an yeroo hunda miti. ‘Jaalalli ni minya’a, garuu hin nyaatamu’ jedhama. Dhuguma qabsa’aan jaalalaa tokko hamma gaafa du’ee dhiigni isaa ujummoo dhiigaa isaa keessaa dhaabbatuutti waa’ee jaalalaa dhaabuu hin danda’u, yoo maraatellee maqaa nama jaallatee waamaa oolee, bula.

‘Maatii hiyyeessaa ta’anii akkas kan waliif galan, utuu xiqqoo kanarra caalu ta’ee attam nama gammachiisu?’ jedhu namoonni. Hiyyummaan isaani guyyaa tokko wal dhabiinsa isaan gidduutti uumee hin beeku. Waa’een hiyyummaa isaanii isaanumaan akka dhukkuba sammuu nyaataa itti ta’ee galgalaa fi ganama aad’chisa malee ormaa fi fira isaanii ajaa’ibee hin beeku. Isaanis nama biraa hirmaachisu hin barbaadan, hojiima  isaanii ishee tuffatamtuu kanaan ijoollee isaanii daara baasaani barsiifatu.

“…Yoomuu namaa gadi hin taatan utuun lubbuun jiruu, yoon hin jirraannemoo silaas maal godhu? Ofii kootii jooreen, isin guddisa saroota koo,…” jedhu obbo Fedhasaan. Ollaansaanii mooraa daldaltootaa fi hojjettoota mootummaatiin erga dhuunfatamee bara baay’ee tureera. Eenyufaa akka ollaa isaanii ta’an beekuuf isaan guyyaa tokkollee yaalii hin goone. Namoonni tokko tokko ‘Maatii obbo Fedhasaa warra utuu hin qabaatin akka warra guddaa of godhan’ ittiin jedhu rakkina isaan callisiise hin beeekan waan ta’eef. Tokko tokko immoo ‘Yoomuma oljedhanii deemuu?’ jedhu.  Obbo Fedhasaan ganama ganama akkuma hojjettootni mootummaa ba’an ba’a, sa’a laaqanaattis isaanuma faana gala. Karaa kana irratti ‘Eenyuutu isinitti dhufe?’ yoo jedhanii gaafatan garuu nama keessaa yaadatan hin qaban, ija isaaniitu arge maalee yaadaan achi hin jiran.

Manni baabura miidhaanii Sheek Abdullaahii baay’ee gaarii akka ta’e namoonni achitti midhaan daakkatan ni odeessu, namoonni warri naannoo sanaas itti dhiyoodha waan ta’eef ijoollee isaaniin ‘Obbo Fedhasaan itti isiniif haa naquu dafaa midhaan geessaa!’ jedhu. Ijoolleen baabura jaallatu osoo hin taane amala Obbo Fedhasaa jaallatu.

Obbo Fedhasaan ilkaan gadi  baasanii hin kolfan,nyaarri isaanii hin hiikamu, ol jedhanii nama hin ilaalan, gara laafinni isaan qaban namoota argan duwwaatu dhugaa ba’a osoo hin taane warra ijoolleen isaanii biratti miidhaan daaktutu hima.

Sheek Abdullaahiin mana jala ta’anii miidhan erga safaranii booda, gara obbo Fedhasaatti dabarsu, obbo Fedhasaan waraqaa sheekiin erge erga ilaalanii, miidhaanicha fuudhanii toora qabsiisani darabee darabeen daakuu eegalu. Kan dura dhaqe duruma keessumsiifama. Inni booda dhaqe yoo darbuuf yaale obbo Fedhasaan afaaniin dubbachuurra  ija isaanii isa akka barbadaa ibiddaa  diimatu gara galchanii ilaalu, inni darabee darbuuf yaale sun qaaniidhaan gara boodaatti deebi’a, yoo deebi’u baate mataa jabaate ammoo midhaan ammaaranii ijatti facaasuun si’a tokkicha “Salphoon kun!” jedhanii achumaan callisu.

Sheek Abdullaahiin jireenya Obbo Fedhasaa fooyyessuuf waan hin godhin hin qaban. Har’as akkuma guyyaa biraa mari’achiisuu eegalan. “Kana durasoo mucaan na bira taa’ee haa baratu jennaan diddee. Fedhasaa amma immoo qooda namni biraan as taa’ee midhaan qullessee qarshii argatu, warri manaa kee yoo hojjette maal ta’a?” ittiin jedhan.

Obbo Fedhasaan ija lafaa ol kaasanii ija sheekii keessa ilaalaa “Wayya jettanii? Garuu warri hojjetaa jiran nutti hin gaddanii?” jedhan.Sheekiin xiqqoo erga yaadanii booda mataa raasaa “Maal jechuu keeti? Magaalaa kana keessa suuqii meeqatu wal bira jira abbaan lafa itti tolee bitata. Kan carraa isaanii gurguratanii galu malee jarri walitti gadduu ? Kunis akkuma kana” ittiin jedhan.

“Tole erga isin jettanii” jedhan obbo Fedhasaan.

Obbo Fedhasaa fi Sheekiin ammallee haasaa gargar utuu hin kutin Sheekiin “Ijoolleen hundumti immoo nagaadha mitii? Mana barumsaa isaanii hordofaa jiru.”jedhan.

“Nagaadha! waa’ee mucaa isa dhukkubsataa sanaa malee dhibeen tokko hin jiru Waaqayyoon haagalatu barata jiruu.” jedhan obbo Fedhasaan.

“Rabbii waan hojjeteef qoricha qaba calluma jedhaa guyyaasaa eegaa!” jedhan sheekiin.

Aadde Dammaniif midhaan qulleessuun haaraa waan hin taaneef meeshaa ishee barbaachisan qabattee erga argamtee torbee tokko fixxeetti. Dubartoonni achii hojjetaa turan erga aadde Dammaniin dhufanii asitti gabaan isaanii waan hir’ateef uuruu dhiibuu eegalaniiru. Warri midhaan fidatan obbo Fedhasaa waan beekaniif aadde Dammanii qulleessifatu. Obbo Fedhasaan garuu jireenya isaa fi jireenya isaani wal-bira qabee namoota achii midhaan qulleessan  sanarraa gabaan hir’achuusaa baay’ee gadda “Maaliin ijoollee guddisuu?” jedha.

“Akkas wal gargaaranii hojjennaan waan namaa hin dabarreef hin qabu, tokko tokko ta’anii umaasaanii teessoo irratti komatu, ‘Maaliif  namaa gadi nu godhe? maal itti baalleessine? Kaan immoo maal godhaniif’ jedhu. Ofii gaddanii Rabbiinis gaddisiisu.” Sheekiin aadde Dammanii gorsuutti ka’aniiru. Aadde Dammaniin gadi jedhanii taa’u. “Hundi keenyayyuu waan xiqqoo irraa kaane. Hojiin hin tuffatamu. Ani bara ijoollummaa kootii ixaana gurguraan ture, kana walitti qabadheen midhaan gurguruu eegale, achumaan darbeen kunoo Rabbiin haagalatuu sadarkaa kana ga’e. Ijoollee   horadhee barsiifadhe, amma Waaqni na gargaare jiraachaan jira. Isinis har’a yoo hojii hin tuffattan ta’e waan sadarkaa kana caalu hin geenyee maaltu godha?” jedhan Sheekiin. Aadde Daammaniin xiqqoo erga yaada cabsatanii booda “Dhugaa qabdu, hojjennaan waan hin dabarreef hin qabu.” jedhanii hojii isaanii itti fufan.

Obbo Fedhasaa fi aadde Dammaniin waliin ba’u, waliin galu. Waa’ee  mana ooluu hirraanfataniiru, ‘HOJII’ dha’annaa onnee isaaniiti. ‘Akka taane taanee ijoollee keenyaaf dabarsuutu nurraa eegama. Yoomuu taanaan ijoolleen koo ijoollee namaa gadi ta’uu hin qabdu. Daareen daara baasa, beela’een nyaachisa, ofii wallaalaa ta’een barsiifadha…Waaqayyoonis kanan kadhadhu wanta biraa miti. qarshii gadi naaf roobsi hin jedhu, dhagaa reebii cabsii qarshii naaf balaqqamsiisi hin jedhu, nama biraa harkaa gati nan argadhaa miti,humna naaf kenni, utuun ijoollee koof hin dabarsin lubbuu koo hin dabarsin, kun galfata kooti yaa Waaqayyo!, jedhee Waaqa isaatti himate obbo Fedhasaan.

*     *     *     *     *     *     *    *

Pages: 1 2 3 4 5 6 7 8 9 10 11 12

Leave a comment!

Add your comment below, or trackback from your own site. You can also subscribe to these comments via RSS.

Be nice. Keep it clean. Stay on topic. No spam.

You can use these tags:
<a href="" title=""> <abbr title=""> <acronym title=""> <b> <blockquote cite=""> <cite> <code> <del datetime=""> <em> <i> <q cite=""> <strike> <strong>

This is a Gravatar-enabled weblog. To get your own globally-recognized-avatar, please register at Gravatar .