Asoosama

Ateetee

Featured

Headline

Hiibboo

Home » Asoosama, Featured

Asoosama Xalayaa Hayyuu Kutaa 10ffaa

Submitted by on June 15, 2011 – 10:49 pmOne Comment

-10-

Audio clip: Adobe Flash Player (version 9 or above) is required to play this audio clip. Download the latest version here. You also need to have JavaScript enabled in your browser.

Ka jiruun itti tolte, ilmi Gabra Xaadiq, Lammaan akka barbaade dubbata.  Nama wol gahii irrattis ta’ee bakka biraatti isa dura dhaabate “eennu akka taate wol beenna” jedhee sodaachisa. Namoota karaa isaatiin qabamanii dhabaman “anatu qabsiise” jedhe dubbachuu irraa waan hafe waan dhoffatu hin qabu. Deeggartoota ABO arrabsuu yoo barbaade jecha dur irraa itti fayyadamu qaba. “ABOn eegee lootuuti! Qaama dabaree, ka gatii hin qabne!” jedha. Bakka tana dura ture, woltajjii bartoota wolitti qaban tokko irratti, inni jecha kana dubbannaan barataan tokko ol ka’ee, “eegeen lootuu akkuma jettan qaama dabaree ka gatii hin qabne ta’uu dandeetti. Garuu yoo muramte deebitee bahuun isii waan hin hafne ta’uun akkuma jirutti ta’ee, isin qaama dabaree ka gatii hin qabne kana sodaattanii waanuma isaa qaaquun maaliif? Ammallee lootuun duutu malee eegeen sun biqiluun waan hafu isinitti fakkaataa?” jedhee waan jedhu wollaalchise. Barataa bara san kana isaan jedhe dabalatee, qurxummiileen tana dura bishaan keessaa guursisaa ture heddu, lubbuun jiraachuu fi jiraachuu dhabuu hin beeku. Jiraatanii baatanii ammoo dhimma isaatii miti. Waan sodaatu hin qabu. “Eegee lootuu” jedhee Oromoo arrabsee sodaachisaa, farsoo hambuuqee qasha’aa,  Shaashamannee keessa biqiqa. Baldee taphata. Kolfee fandalali’a.

Jireenni qilleensaa tun ammoo tokko kolfisiiftee yookiin gammachiiftee kaan boochisuu bira tartee kolfa yookiin gammachuu tokkoo booyicha kaanii godhuun qooda isiiti.

Ijoolleen sadiin didiqqoon woyii balbala mana Damboobaatti waan gara garaa wolitti guuranii taphataa woliin qaaqan.

“Hin du’e!” jedhe tokko.

“Hin duunee!” jedhe ka biraa.

“Hin du’e” jedhe kuun ammallee deebi’ee.

“Hin duune”jedhe kuunillee.

“Eeessatti beetta?! Hin du’ee”

“Yoom du’e hin ajjeesan malee”

“Hin du’ee cadhisi!”

“Hin ajjeesanii atuu caldhisi!” jechuudhaan wol morman.

“Atuu cadhisi! Abbaan kiyyaa hin ajjeesan jedheera”

“Cadhisi atuu! Haati tiyya hin du’e hin jennee?” Wol arrabatti taran.

“Cadhisi! Kijibaa!” jedhe ka irra jira fakkaatu.

“Atuu kijibaa!” jedhe kuunillee deebisee.

“Dabeessa mataa kosii!”

“Atuu dabeessa mataa kosii” jedhe kuunille. Wol lolatti taran.

“Anaa dabeessi mataa kosii!? Anaa!?” jedhee itti qajeele ka irra jiru.

“Ee si’i” jedhee ija babaase kuunillee. Namoota lamaan booyaa dhufan woyiittu wol lola ijoollee sanii jidduu baye. Wol lola, dhiisanii namoota booyaa moonaa seenan faana fifiigan. Haga isaan wol mormii irraa wol lolatti taran dhaabatee laalaa ka ture Hayyuunillee, isaan faana fiige. Moonaan mana booyaa booyichaan wolitti bu’e. Maayii irra namni wol obsisiisee dacha’ee taa’eera.

“Mee reeffa akkamitti argitan!”jedhe namoota haarawa dhufan keessaa tokko. Jaarsa woyiiti.

“Worruma waajjira poolisaattu fe’ee fide” jedhe namni ka’imoomatu, ka gaabii uffatee battala taa’u.

“Tolee!” jedhan jaarsi gaafatan afaan qabatanii.

“Manuma nuu fidan!?” jedhe ka odeeffatan.

“Namni waa gaafate jiraa?” jedhan jaarsi waanuma jedhan wollaalanii.

“Maaliif ajjeeftan jedhee woyii moo?” jedhe namni jalaa qabe.

“Bada gurbaa! barri afaan hin beenne afaan nama wollaalchisa. Afaan hin qabuu… afaan nama qabaa caldhisi” jedhan.

Gurbaan sun qoonqa gaddaatiin “ajjeefnee maal taatan! Wonni gootan hin jiru. Yoo dubbattan akkana isin goonaa jechuufii miti ka kana godhan. Kaan afaan qabachiisuuf. Akka sodaatee hin dubbanne godhuuf… ” jennaan namni firaashii afameeru marsee taa’u ija gaddaatiin isa laale. Itti fufe gurbaan sun.

“Akka namoota heddu du’aa jiruu isaanii wollaalchisanii hambisan godhuu hin wollaalle. Sodaa nu keessatti uumanii wolii rifachuu nu dhoogguuf. Namni sodaan keessatti jabaatte onnee jabduu hin qabu. Namni onnee jabduu hin qabne hin aaru. Aarullee uguruu hin gahu. Jarri ammoo karaa kanaan milkaayaniiran. Sodaa nu keessatti uumachuu bira taranii jabeefataniiran. Nu ammoo sodaa nu keessatti uumatan kana uf keessaa baasuun haa hafuu, akkuma sodaaneyyuu ufiif amanuu hin dandeenne. Mee an Waarituun garaa kiyya woliin dhaladhe ‘sii ajjeefnee awwaaladhu yoo naan jedhan maal godhe? Maal ta’e? Waan takkallee! Kana maaltu na godhe? Sodaa na keessatti uuman” jedhee uduu gurbaan aarii gadda makateen itti fufaaru keessummaan dhufte.

——————————————————-

Eega du’a Damboobaa dhageettee torbaan gahaniiran. Keessummaan irraa hin qoorre.

“Xalayaa an barreesse agartee aayyitee?” jedhe mucaan haadha teettee yaadduun. Mucaan kana jennaan bootte Ruufo. Namni mana guutu. Gariin isii woliin booya. Gariin ammoo akka obsitu gorsa. Akkaataa xalayaa itti barreessan qofa uduu hin taane, waan heddu ka abbaan mucaa barsiisaa ture yaadattee cadhisuu dadhabde.

“Kunoo laali” jedhe mucaan, woraqaa woyii qabatee isii boottu bira dhaabatee.

“Hayyee hin laalaa” jettee irraa fuutee akkuma woraqaa san harkatti qabattetti ammallee isa ufitti qabdee bootte. Hennaa san abbaan waan inni barreesse dubbisee “akkas leenca kiyya! Waan an ardha siif ta’u hin agarta!…” jedhee jajee harka dhayaaf ture. Ka ardha haadha irraa eegellee kanuma. Akka xalayaa san dubbiftee ufitti qabdee dhungattee, harka dhoofteefii waan isaaf gootu itti himtu barbaada. Ruufo mucaan dhiisuu dinnaan xalayaa mucaan itti kenne san dubbiftee uduu hin fixin booyichaan manni sun wolitti bu’e.

“Abbaa kiyya akkam jirta? Nagaa jirtaa? An nagaa jira. Aayyoon hin bootti. Yeroo maraa hin bootti. Anillee isii laalee booye. Namnillee hin booya. Namni martinuu hin booya. Birraan yoo woliin taphannu, ‘abbaa kee hin ajjeesan’ naan jedhe. Boonaan ammoo ‘hin du’e malee yoom ajjeesan?’ jedhee Birraan wol lolan. Ati maaliif nama si ajjeese san ufirraa hin dhayin. An si hin jaaladhu. Ati qara maaliif hin gala jettee galuu didde.  Ati qara maaliif na jalaa duute? Haga fuula nagayaatiin wol agarrutti nagayatti.

Ilma kee Hayyuu irraa” jedha xalayaan Hayyuun abbaa isaatiif barreesse.

********  *********  ********

—–Xumurame—-

One Comment »

  • Baayee galatoomi Amaan Hedatoo. Barreefamni kee gabaabduun kun akkaataa itti uummata Oromoo bal’oo bira itti maxxanfamee ga’u irratti osoo hojjettee; uummanni keenya waan baay’ee akka asoosama gabaabaa kana irraa argatan abdiin qaba. Barreessaa Amaan akkataa itti jalqabdeef fixxe, keessumattuu dhaamsi inni haalaaf yeroo Oromoo itti jiruun walqabsiistee barreessite ka dinqiisifamu. Garuu tarii gochamni asoosamaa kun kan raawwatteef kan irratti raawwate barsiisaa kutaa Oromiyaa tokko keessatti. Akka yaada kootti akka loqonniif tarreefamni isaa waalta’ee, qaaqni qooddatootaa ammoo akkuma naannicha dhimmi kun itti raawwateetti qortee tarii, dubbistoonni barreeffamakee akka salphaatti hubataniif dubbisan gochuu irratti ati akkam agarte? Cimni dandeettii waa qoruu kee ammoo nadoo jechoota muraasa ati hiriirsite irraa yoo daran irratti hojjette hangam yaadakee uumatakeen gahuu akka dandeessu mul’isaatii jabaadhu. Didhaa Qana’aa

Leave a comment!

Add your comment below, or trackback from your own site. You can also subscribe to these comments via RSS.

Be nice. Keep it clean. Stay on topic. No spam.

You can use these tags:
<a href="" title=""> <abbr title=""> <acronym title=""> <b> <blockquote cite=""> <cite> <code> <del datetime=""> <em> <i> <q cite=""> <strike> <strong>

This is a Gravatar-enabled weblog. To get your own globally-recognized-avatar, please register at Gravatar .