Asoosama

Ateetee

Featured

Headline

Hiibboo

Home » Featured, Walaloo

QABSOO-DHA MAQAAN ISAA

Submitted by on July 15, 2011 – 3:14 amOne Comment

Taammanaa Bitimaa*

Isa kuffifamee lafarra ciisu
Silaa tolaan jarri isan-dhiisuu
Bakka itti-kufee olkaasee
Sansalata irraa babbaasee
Kan akka ejersaa isa dhaabu
Seerri-saanii-woo isan dhaabuu
Qabsoo-dha maqaan isaa
Gonfachiisaa bilisaa!

Qabsoo-dha maqaan kansaa
Dachee hunda biyyisaa
Keessumaa qabsoo bilisummaa
Kan caccabsee darbatu
Harqoota kan gabrummaa
Isa guutuu taasisu
Nameenya kan namummaa!

Iddootti kufee olkaasee
Kiyyoo mormarraa baasee
Madaasaa irraa haqee
Raammoo isa madaa keessaa
Nyanyaata akka bineensaa
Irraa mimmicirqisee
Nama nama taasisa
Bineensarra olcaalchisa!

Inni nama sanyiin hin qoqqobu
Dabalees amantiin hin qoqqoodu
Aadaan addaan hin baasu
Bifaan gargar hin yaasu
Hunda ija takkaan laala
Cufaaf mirgasaa abbala
Isa abbaan walqixxeessaa
Saboota addunyaa keessaa!

Injiree nurraa micirqisee
Hinjirree nurraa dhidhimsee
Yeeyyilee nurraa bittimsee
Shilmiis saawwanirraa harcaasa
Daanawoos gumbii keessaa baasa
Gabrummaa qabeetoo rarraasa!

Kan Oromoos qabsoo
Kan Kuush kaanis qabsoo
Keessumaa qabsoo sabaa
Kuffifamaa-dha ol-qabaa!

Oromoo, yaa abbilee
Oromiyaa, yaa harmilee
Erga qorichi qabsoo ta’ee
Erga malli tokkummaa ta’ee
Haa qabsoofnu tokko taanee
Hidhannee manaa baanee!

Obbolummaan waltaanee
Hidhannee manaa baanee
Warra Kuushiin waltaanee
Bakka kufnee olkaanee
Imimmaan walirraa haquun
Obbolummaan walolqabuun
Karchallee wajjin diignee
Roorroo walirraa dhiibnee
Hayyee, qabsoo-dhaan galma keenya geenya
Sansalata malee, guyyum tokkollee teenya!

Yaa Oromoo, aadaan-kee bubburree
Ilaa, biyyi-kees sonaan cocorree
Akka nafxanyoota asittis “iskistaa”
Achittis “iskistaa”, mitii sirboonni-kee
Biddeenuma callaasoo, miti nyaanni-kee
Of-tuullummaa fi sanyummaa miti yaanni-kee!

Atoo qaccee Leenjisaa Diigaa-tii
Atoo diroo Elemoo Qilxuu-tii
Eekaa sanyii Taaddoo Birruu-tii
Maarree lammii Abbishee Garbaa-tii
Mataa gadqabachuu
Eessaayyi barattee
Oromo-sodaan beekuu
Kan eessaayyi argattee?

Oromoo uummata kiyya
Uummata-koo uumee tiyya
Yaa safuun guddisa-koo
Abbaa dhugaa lubbuu-too
Atiwoo galaanaa
Jarri maa si dhaana?
Maaf dhaana dirra-kee
Maaf waxala miila-kee?

Ol-ka’i uummata kiyya
Walta’i yaa saba kiyya
Xiqqaa-guddaan waltayii
Alaa-manaa walgayii
Harqoota gabrummaa caccabsi
Sansalata ciccirii darbaddhu
Galma-kee ni geessa abdaddhu!

Ni mootaa, ni mootaa daran abdaddhu
Dhalawwan-kee mara walitti qabaddhu
Sabbata-kee jabeessitii hidhaddhu
Aayyoo ka’ii, siiqqeen joollee-tee labsaddhu
Oromiyaa iyyii, ilmaan Kuush waammaddhu
Mirgaan mancaa qabaddhu
Bitaan wantaa qabaddhu
Oljedhi-kaa waanjoo ofirraa darbaddhu
Biyya biraan qabduu Oromiyaa jaarraddhu!

Barliin, 16. 06. 09

*************   Hubachiisa    **************

* Walaloon kun gaafa 02. 08. 09 Kora Waldaa Qorannoo Oromoo, jechuun kan OSA isa dira Atlaantaa, Biyya Ameerikaa keessatti adeemsifame irratti kan uummataaf dubbifame ture. Silaa barri kun bara qabsoo uummatoota Afrikaa Kaabaa fi Jiddugaleessa Bahaa-tii, kunoo ijoolleen Oromoos, dhaloonni qubee gabroomfattoota Habashaa irratti fincilaa jirtii, mee walaloo kun isaaniif: mararfannoo, rajeeffannoo, jajjabeessii fi bira-dhaabbannoo haa tahu!

__________________________________________________

One Comment »

Leave a comment!

Add your comment below, or trackback from your own site. You can also subscribe to these comments via RSS.

Be nice. Keep it clean. Stay on topic. No spam.

You can use these tags:
<a href="" title=""> <abbr title=""> <acronym title=""> <b> <blockquote cite=""> <cite> <code> <del datetime=""> <em> <i> <q cite=""> <strike> <strong>

This is a Gravatar-enabled weblog. To get your own globally-recognized-avatar, please register at Gravatar .