Weeddu
Bara Dargaggummaa
(Malaakuu Tafarraa)
Man ijjeerra cirrachoo fal’aanaan mulluu nyaatu
Wal-ajjefnaam sirattoo jaal’aataan lubbu hin yaadu
—-
Atii kittaakee gad xaafi anis kitta koo gad xaafa
Wayyaan Amaaraa kittaa dha
Atis jirta natti dhaami anis jirtaa sitti dheema
Nagaan alaala jirtaa dha
—
Yommuu daaktuun birbir daaktu, bookeen harbuu irraa gad-yaati
Yommuu gaariin washakkaatu moogeen antuuta fakkaatti
—
As ooleen jirbii funaana sangaan kosoruutti aseene
Dasooree mudhii sinnaara siman gorroshuu kajeele
Akka bosonuu maseene
—
Gaaddissa yaa ilma danboobaa gaarri gamaa dabaqqaa dha
Gaabbita gaafan namoomee barrii namaaf dabarsaa dha
—
Yoon ijaaree yoon kabee diigi diigi naan jedhaa
Yoon siyaade naaf gamee fiigi fiigi naan jedhaa
Fiiguuf lafti koo tabba dhiisuuf barri koo in darba
—
Kottu Harree feenaa jennaan an teepha hin shaaru jettee
Kot wajjiin teenya jennaan an deega hin jaall’u jette
Deegni-illee akaakuu miti yaa shaggee kaarru shifii
—
Oosanaan raada bitee yaa gumbii abbaan margee
Soodarii nyaara siree koo garaan qaata dide
Qilxuu guddaa gama keessaa yaa shuree garbuun asheetee
Sichoo guddaa mana teessaa kan fuudhee galchuu kajeelee
—
Dabbasoon boora tiksaa aguggitti reebani
Dosooree nyaara jigaa na dhungachuu feetani
Maaf hidhiin koo na sirbaa
—
Alaakuu fardaan darbee hundee qilxuu qirixuu
Basaqoo sarbaa shaffee lamatuu tarkaanfadhee
Durbeen qeerro hin jibbitu biyya kootiin si lixuu
—
Coqorsa kee yaa waaraati micciramee gaafnii hoolaa
Gorora kee na obaasii ittinan gaaf lama oolaa
—
Manni abbaa kee Jimma keessaa kan nagaadeen bira yaatu
Jaalala keetu irraa keessaa kan garaan kee jibba yaadu
—
Wayyaa Wayyeessaa Gondee Jotee yaa soddaa Limmuu
Kaarruu baddeessa goote xinnoo
yaa gomjaasiftuu Harka na boraasiftuu
—
Yaa kalaala kuttuu koo karaan Gimbii duudeeraa
Yaa alaala dhuftuu koo garaan shifxii fuudheeraa
—
Baddeessa yoo muran maalii gatamaa qilensii hin raasuu
Adeemaa yoo bulan maalii rakkataa bineensi hin nyaatu
—
Guutu Weedduu kana dubbisuuf : http://www.begii.org/aadaa.html

sagartee gangeen bulleen maal nama goti ulleen{weeduu dubaraati],abbabachii dheertudha abbabachii dheertuu yaa laangacce jechi kee nama gubba nama dirmaameessa akka qaccee[weeduu dargaggoo]