Articles tagged with: oromia
Waaqa guddaa nuu o’lii ta’ee
Wayin ojjachuu fedhaa
Garuu yoon waan-sana himee
Waaqaan walitti na fida
Waaqaan wali-tti nabuusa
Kanaafuu jedheen dhiisaa
Walaloon kun bara kanaa olitti kaayame keessa yoo walaleeffamellee, ergasii haalli Oromiyaa keessaa daran hammaachaa dhufee jira. Kunoo, amma warri Wayyaanee daboo alaa-manaa waammatanii lafa Oromoo akka dullacha masqalaatti qircachaa, qircisiifachaa jiru. Ilaa, ijuma keenya duratti qutee-bulaan Oromoo qeyee akaakilee fi abaabilee isaa irraa buqqifamaa jira. Awwaalli abbootii fi haadhotii keenyaa buqqifamuun araddaan kabaja-qabeessi salphifamaati jira. Lafti Oromoo lafee Oromoo waan taheef, namni lafa Oromoo saammatu nama lafee Oromoo caccabsee raammatu. Kunoo, uummanni keenyayyuu kana callisee hin fudhannee, fincilaa fi diddaa jalqabee jira. Inni raasaa kana (jidduu kana) Oromoon Sulultaa tokkoomee irree isaa nafxanyoota Wayyaanee irratti kaase, fincilan ani baanu kana agarsiisa. Kanaaf, mee walaloon kun finciltoota Oromoo kan durii fi kan ammaatii yaadannoo fi jajjabeessoo haa tahu!
