Articles tagged with: oromo
MARRIAGE CEREMONIES
The Oromos have a traditional marriage ceremony which descended from earlier times (antiquities). The great social significance is attached to the wedding ceremony. The wedding day is a very important day in the life …
Walaloon kun bara kanaa olitti kaayame keessa yoo walaleeffamellee, ergasii haalli Oromiyaa keessaa daran hammaachaa dhufee jira. Kunoo, amma warri Wayyaanee daboo alaa-manaa waammatanii lafa Oromoo akka dullacha masqalaatti qircachaa, qircisiifachaa jiru. Ilaa, ijuma keenya duratti qutee-bulaan Oromoo qeyee akaakilee fi abaabilee isaa irraa buqqifamaa jira. Awwaalli abbootii fi haadhotii keenyaa buqqifamuun araddaan kabaja-qabeessi salphifamaati jira. Lafti Oromoo lafee Oromoo waan taheef, namni lafa Oromoo saammatu nama lafee Oromoo caccabsee raammatu. Kunoo, uummanni keenyayyuu kana callisee hin fudhannee, fincilaa fi diddaa jalqabee jira. Inni raasaa kana (jidduu kana) Oromoon Sulultaa tokkoomee irree isaa nafxanyoota Wayyaanee irratti kaase, fincilan ani baanu kana agarsiisa. Kanaaf, mee walaloon kun finciltoota Oromoo kan durii fi kan ammaatii yaadannoo fi jajjabeessoo haa tahu!
Dubbiftoota walaloo kanaa jaalatamoo fi kabajamoo, walaloon yeedalloo
(kiilolee) geerrarsaatiin walaleeffame kun, mee keennaa bara haaraa isiniif haa
tahu! Barri moofaan kun xurii isaa wajjin, roorroo fi miiddhaa isaa wajjin isin
dhiisee haa cala’u! Barri haaraan bakka isaa bu’uuf deemu kun: bara badhaadhinaa fi bara fayyaa, bara gammachuu fi milkii gaarii isinii fi maatii keessanii, lammii fi ollaa keessanii, sabaa fi uummata keessanii bara nagaa fi nageenyaa haa tahu! Hayyee, barri kun bara tokkummaa fi qabsoon Oromoo sonaan jabaatee gara fuulduraatti tarkaanfatu nuuf haa tahu!
