Kitaaba Asoosama Afaan OROMOO.
Kitaabni kun Asoosamman gaggabaaboo jahaa fi wolaloo gara garaa uf keessaa qaba.
Yeroon kun yeroo ummanni mootota cunqursitoota irratti finciluudhan mirga ofii argachaa jiran ta’uun qabatamaan mirkaneeffamaa jira. Moototni cunqursitootni Tunisiyaa fi Misraa ka kooraa aangoo baroota hedduuf yaabbatan irraa sochii ummataatin qaarsifaman qarqaarsaa fi amantaa biyyota aangawoo irraa waan argachaa turaniif abdi guddaa ufirratti qabachaa turan. Kanaaf waan sodaatan tokkollee waan hinjirreef mirga ummata isaanii dantaa fi daanga tokko malee dhiitaa turan.
Abdii Boruu*
Dhiyoo kana Gadaa.com irratti mata duree “OPride.com Seeking Contributors –Hamba Habalee Cittee” http://gadaa.com/oduu/?p=6792 jedhuun waayee Afaan Oromoo dubbissen ture. Ani akkan ofii kiyyaa yaadutti, yaadni kun baay’ee gaarii dha; deeggaramuu fi jajjabeessamuus qaba . Deeggaruu fi jajjabeessuu jechuun ammoo, yaada gaarii dha; jabaadhaa itti fufaa jechuu dhaan yaada (comment) kennuu ykn dhiyeessuu qofaatti hafuu hin qabu. Bakkeen kun kan namootni yaada, beekumsa fi dandeettii ofii itti hirmaatani fi asitti walirraa barachuus danda’an ta’uu qaba. Kuni bu’aa karaa lamaa qabaachuu danda’a. Tokko, walirraa barachuu fi beekumsa tokko tokkorraa argachuu yoo ta’u, bu’aan karaa lammaffaa babal’isuu fi guddisuu Afaan Oromoo ti. Kanaaf tattaaffiin akkanaa kun yoo deeggarame, bu’aa fiduu danda’a jedheen yaada.
Taammanaa Bitimaa Irraa
Obboo Aman Abdulkedir,Ministeera Aadaa Fi Turizimii Toopphiyaa Kabajamaa,
Mee waan hundaa nagaan namummaa fi kan Afrikummaa haa dursu!
Kunoo, harra xalayaa banaa tana akkan isiniif barreessu kan na kakaase, barruuleewwan ministeerii keessaniin baafamee, Agarsiisa Turizimii Addunyaa kan dira Barliin, Biyya Jarmanii keessatti gaafa 10. 03. 10 irraa hamma 14. 03. 10 adeemsifamaa ture irratti raabsame.
Akkuma ennaa biraa waan akkanaa argeetoo bira dabruu hin dandeenye. Kan akkan hin dandeenye na taasises, bara amma keessa jirruu fi mootummaa amma impaayerittii Toopphiyaa keessa jiru waanan qalbeeffaddheefi. Waan akkanaa kana nafxanyoonni "teenya" isaan moofaan oggaa hunda baasu, dubbatullee, ittis boonullee! Ammoo, warri kooraa mootummaa Toopphiyaa kan ammaa kana koreetoo impaayerittii bitaa jiru, nafxanyoota haaraa dha. Isaan kun waan hedduun nafxanyoota moofaa-dhaan addaan-baafamu. Kan addaan isaan baasu keessaa inni tokko waayee gaafii sabaa ti.
Copyright © 2011 OPride.com | All Rights Reserved | Disclamer | Contact Us